Itoophiyaafi Itaaliin Damee Anniisaa Niwukilaraan Tumsaan Hojjachuuf Mari’atan

You are currently viewing Itoophiyaafi Itaaliin Damee Anniisaa Niwukilaraan Tumsaan Hojjachuuf Mari’atan

AMN PLUS- Bitootessa 03/2018

Komiishiniin Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa (ENEC) gita isaa kan Itaalii waliin tumsaan hojjachuuf marii gama lamee taasisaniiru.

Komiishinarri Komiishinii Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa Komiishinar Sandookaan Dabbabaa, Itoophiyaatti Ambaasaaddara Itaalii Ambaasaaddar Seem Faabriizii waliin marii taasisaniin, Itoophiyaatti indaastirii saffisiisuun anniisaa niwukilaraa filmaatilee madda anniisaa waaraa keessatti akka hammatamu taasisuun faayidaa tarsiimawaa teeknoloojiif qabu xiyyeeffannoo kennuun kaasaniiru.

Anniisaan niwukilaraa dhiyeessii humna elektirikaa bal’isuun indaastiriiwwan humna guddaa gaafataniif carraa akka uumu ibsaniiru.

Dabalataanis, Komiishinarichi Itoophiyaan qorannoo misooma teeknoloojii niwukilaraafi faayidaa naga qabeessaaf oolchuuf bu’aawwaniifi guddina galmeessisaa jirtu irrattis Ambaasaaddarichaaf ibsa kennaniiru.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Itaalii, Ambaasaaddar Seem Faabriizii gama isaaniin seenaa biyyi isaanii gama misoomaafi teeknoloojii anniisaa niwukilaraan qabdu irratti ibsa kennaniiru.

Mootummaan Itaaliis yeroo ammaa anniisaa niwukilaraa madda anniisaa waaraa keessatti haala ittiin hammachiisuu danda’amu irratti qorannoon adeemsifamaa jiraachuu eeruu isaanii ragaan Komiishinii Anniisaa Niwukilaraa Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa.

Akkasumas, muuxannoon misooma niwukilaraa Itaaliifi galma Itoophiyaan anniisaa niwukilaraa eegalchiisuuf qabatte walitti ida’amuun fayyadamummaa waloof bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uu hubatameera.

Biyyootni lameen misooma waaraaf damee saayinsiifi teeknoloojii niwukilaraa irratti tumsa waloo isaanii cimsuuf ejjennoo wal-fakkaataa qabuunis ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply