Dhaabbileen Amantaa Dahoo Daldala Siyaasaa Ta’u Hin Qaban – Obbo Xilaahun Warquu

You are currently viewing Dhaabbileen Amantaa Dahoo Daldala Siyaasaa Ta’u Hin Qaban – Obbo Xilaahun Warquu

AMN PLUS – Bitootessa 03/2018

‎Dhaabbileen Amantaa dahoo daldala siyaasaafi yakkamtootaa ta’u akka hin qabne Itti Gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Xilaahun Warquu himan.

Mariin “Yaadama Mootummaa Ida’amuu Dhaabbilee Amantaaf” jedhu bu’uureffate Kutaalee Magaalaa Finfinnee garaagaraa keessatti adeemsifameera.

Marii Kutaa Magaalaa Qiirqoositti adeemsifame irratti kan argaman Itti Gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Xilaahun Warquu Dhaabbileen Amantaa barsiisfata duudhaa amantaatiin alatti galma daheeffannaa daldala siyaasaafi yakkamtootaa ta’uu akka hin qabne hubachiisaniiru.

Kutaa Magaalaa Lidataattis dhimma ijaarsa biyyaafi nageenyaa irratti Abbootii Amantaa Warra Wangeelaa waliin kan mari’atame yoo tahu maricharratti Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneetti Itti Gaafatamaa Hordoffii Dhaabbilee Obbo Mollaa Nugus dabalatee hoggantootni kutaa magaalichaa argamuun hirmaattoota marichaa waliin yaada wal jijjiiraniiru.

Haaluma wal-fakkaatuun marichi Kutaa Magaalaa Gullalleettis kan gaggeeffame yoo tahu saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hogganaan Biiroo Paabilik Sarvisiifi Qabeenya Humna Namaa Magaalaa Finfinnee Jamaaluu Jambar (PhD) bari jijjiiramaa as Mootummaan Dhaabbilee Amantaa gidduutti hariiroo fayyaalessa uumuu irraa eegalee hojii bu’a qabeessa hojjechaa turu ibsuun Dhaabbileen Amantaa hojiilee hojjetaman eeggachaa misoomaafi ijaarsa biyyaa irratti fuulleffachuu akka qaban ibsaniiru.

Gama biroon marii wal-fakkaataa Kutaa Magaalaa Araadaatti gaggeeffame irratti kan argaman Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoogganaan Biiroo Maallaqaa Magaalaa Finfinnee Obbo Abdulqaadir Reeduwaan Bulchiinsi Magaalichaa hojiilee hojjetu hunda dursee kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mari’achuun hojjechaa jiraachuu eeruun kun ammoo hariiroon jabaan Dhaabbilee Amantaa dabalatee kutaalee hawaasaa warreen biroofi mootummaa gidduu akka jiraatu taasiseera jedhaniiru.

Abbootiin Amantaa marii kutaalee magaalaa Finfinnee garaagaraatti gaggeeffame irratti qooda fudhatan gama isaaniin barsiisaafi kallattii macaafa qulqulluu bu’uura godhachuun biyyaafi dhaloota ijaaruu keessatti gahee irraa eegamu akka bahatan waadaa galuun ibsameera.

Dabalataanis jijjiirama booda xiyyeeffannaan amantaalee hundaaf walqixa kennamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uus Abbootiin Amantaa kunniin waltajjicharratti ibsuun misooma akka biyyaafi Finfinneetti eegalame humnaafi kadhannaa keenyaan ni deeggarras jedhaniiru.

Gabaasni kan rippoortaroota keenya Kaasiyyee Maanguddaa, Geetaahun Katamaa, Tsahaay Zawudeefi Jiraataa Biyyanaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply