Miidiyaan “BRICS Africa Channel” Kantiibaa Adaanech Abeebee irraa maal iyyaafate?

You are currently viewing Miidiyaan “BRICS Africa Channel” Kantiibaa Adaanech Abeebee irraa maal iyyaafate?

AMN PLUS- Mudde 2/2018

Miidiyaan “BRICS African Channel” misooma Magaalaa Fifinnee keessa deemuun kan daawwate hojiilee hojjetamaniifi jijjiirama kanaan namoota fayyadaman iyyaafateera. Bu’uuraalee misooma magaalatti keessatti hojjetameefi bu’aa jijjiiramni fide irratti Kantiibaa Adaanech Abeebee waliin turtii taasiseera.

Kantiibaa Adaanech Abeebees Magaalaa Finfinnee misoomsuuf karoora gurguddoo sadii irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa akka ture “BRICS African Channel”tti himaniiru.

Inni jalqabaa laggeen magaalattii keessa yaa’an, xuraa’uun jireenyaa hawaasaafi qulqullina naannoo  faalan qulqulleessuun murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

Inni lammaffaan ammoo magaalattii umrii dheeraa qabaachuu irraa kan ka’e manneen mukaafi biyyee irraa ijaaraaman sirreessuun akka kallattiitti ka’aamuun kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru.

“Keessattuu walakkaa magaalattiitti manneen argaman baay’een manneen gandaa waan turaniif baay’ee dulloomuu irraa kan ka’e suphamanii walitti siqachuun haala ijaaf tolu irra hin turre” jedhan.

Inni sadaffaan ammoo misooma kooriidariin daandiiwwan misoomsuu akka ta’e ibsaniiru.

Daandiiwwan kanaan dura turan dhiphachuurraa kan ka’e sochii tiraafikaa irratti rakkoo guddaa uumaa akka turanis ibsaniiru.

Kanaan dura hanqinootni bu’uuraalee misoomaa daandiin wal qabatan kanneen akka daandii lafoo, biskileeta, akkasumas iddoowwan bashannanaa daa’immaniifi dargaggootaa akka hin turrellee kaasaniiru.

Yeroo ammaa kana garuu hojii misooma kooriidariin bu’uuraaleen misoomaa garaa garaa hojjatamanii magaalaa miidhagduu daawwannaaf hawwattuu taate uumuun akka danda’ame dubbataniiru.

Misooma kanarratti mootummaa qofa osoo hin taane kanneen tola ooltoota ta’an hirmaachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee kan eeran yoo ta’u, maashiniiwwan adda addaa misooma kanaaf deeggersa taasisuu isaanii ibsaniiru.

Hojiilee misoomaa kana keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa akka ta’e Kantiibaa Adaanech himaniiru.

Kaayyoon misooma kanneen inni guddaan jireenya lammiilee jijjiiruu akka ta’e ibsuun hojii deebisanii misoomsuu kanaan bu’aawwan hedduun akka argaman kaasaniiru.

Lammiileen hojii ijaarsaarratti bobba’an hedduun carraa hojii akka argatan dubbataniiru.

Misooma kanaan Finfinneen waan miidhagdeef  baay’inni daawwattoota biyya keessaa haga alaatti akka dabale Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Haala mijataa walitti hidhaminsa gabaaf uumameen hoteelaafi tajaajiloota kanneen birootiin namootni daldala irratti bobba’an fayyadamoo ta’uu kantiibaa Adaanech turtii “BRICS African Channel” waliin taasisaniin ibsaniiru.

Gama biraan, jiraattotni misoomaaf kaafaman osoo walitti dhufeenyi hawaasummaa isaanii hin faca’in iddoo tokkotti gamoon mana waliin jireenyaa ijaaramee kan kennameef ta’uu dubbataniiru.

Bakka jireenyaa haaraattis carraan hojii, iddoon bashannana daa’immaniifi dargaggootaa akka mijaa’eef Kantiibaan Magaalaa Finfinnee kaasaniru.

Yaadannoon Injifannoo Adawaa waggoota 128 booda yaa’iiwwaniif walgahiiwwan Afrikaa akkasumas idil addunyaaf ta’u karoora misooma kanaatiin kan ijaarame akka ta’e Kantiibaa Adaanech “BRICS African Channel” waliin turtii taasisaniin eeraniiru.

Bara dabre 2017tti qofa yaa’iiwwan 150 magaalaa Finfinneetti keessummeessuun akka danda’ames dubbataniiru.

Magaalaan Finfinnee qulqullina, miidhaginaafi hawwattummaa ishee akka eeggattee turtu taasisuuf qaamoleen hawaasaa hunduu tumsuu akka qaban Kantiibaa Adaanech“BRICS African Channel” waliin turtii taasisaniin dubbataniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply