Fayyadamummaa qabeenya lafaa seera qabeessa ta’e mirkaneessuun hawaasaafi mootummaa jidduutti wal amantaa dabala- Injinar Wandimmu Seettaa

You are currently viewing Fayyadamummaa qabeenya lafaa seera qabeessa ta’e mirkaneessuun hawaasaafi mootummaa jidduutti wal amantaa dabala- Injinar Wandimmu Seettaa

AMN PLUS- Mudde 6/2018

Fayyadamummaa qabeenya lafaa seera qabeessa ta’e mirkaneessuun hawaasaafi mootummaa jidduutti wal amantaa akka dabalu Sadarkaa kantiibaa Itti Aanaatti Hojii Gaggeessaan Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa ibsaniiru.

Ejensiin odeefannoofi galmeessa abbummaa lafaa magaalaa finfinnee hojjetoota haaraa gara ejensichaatti makamaniif leenjii guyyaa 10’f turu kennuu eegale irratti qabeenyi guddaa magaalattiin qabdu keessaa tokko qabeenya lafaafi humna namaa ta’uu dubbataniiru.

Qabeenya kanatti fayyadamuuf, humna namaa jiru teeknooloojiin deeggaruun, kallatti mootummaan kaa’eerratti hundaa’un hojiiwwan kanaan dura hojjetamaa turan cimsuun, hawaasni walqixxummaan, qabeenya lafaa jirutti akka fayyadamuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru

Kun ammoo wal amantaa hawaasaafi mootummaa kan dabaluudhaa jedhan.

Dayireektarrii olaanaan Ejensii Odeefannoofi Galmeessa Abbumma Lafaa Magaalaa Finfinnee Obbo Tasfaayee Xilaahun, Hojjettoonnii haaraa leenjii fudhachuu eegalan,kutaalee biyyatti garaa garaarraa kan walitti baba’an ta’uu kaasaniiru.

Kenna tajaajilaa ammayyawaa, hojii teeknolojiin deeggaramee fi hojimaata badaa balleessuurratti shoora isaanii akka bahataniif leenjichi kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Wangeel Faqqadaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply