Tajaajilli “Ethiopian Premiem Lounge” yeroo tokkotti namoota 1000 keessummeessu hojii eegale

You are currently viewing Tajaajilli “Ethiopian Premiem Lounge” yeroo tokkotti namoota 1000 keessummeessu hojii eegale

AMN PLUS- Mudde 7/2018

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, ‎Buufanni Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti tajaajila “Ethiopian Premier Lounge” kan yeroo tokkotti namoota kuma tokko keessummeessuu danda’u eebbisiisuun hojii eegalchiise.

Walitti qabanaan Boordii Daandii Qilleensa Itoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa Buufata xiyyaaraa idil Addunyaa Boolee Sadarkaa olaanaan guddisuuf humna namaa teekinooloojitti madaqefi Bu’uuraalee misoomaan guutuuf hojiin eegalame cimeet itti fufa jedhan.

‎Laawunjiin hara’a eebbifamee hojii eegale Kunis buufanni xiyyaaraa idil Addunyaa boolee kabaja maamilaaf qabu kan agariisu ta’uu Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa himaniiru.

‎Buufatichi fayyadamummaa imaltootaa Sadarkaa olaanaan mirkaneessuufi dhimmoota Maqaa gaarii Biyyaa ijaaraan irratti xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru ta’uu Hojiraawwachiisaa ol Aanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Masfin xaasoo himaniiru.

‎Sirna eebbaa kana irrattis Hoggantoonni olaanoon Daandii Qilleensichaa, abbootiin qabeenyaa imaltoonnifi keessummoonni affeeraman argamniiru.

‎Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply