Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaan ajandaa dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuufi qulqullina bishaanii eegsisuu irratti xiyyeeffachuun Magaalaa Finfinneetti Amajjii 14 fi15 bara 2018 akka adeemsifamu ibsame.
Yaa’iin kunis tarsimoo bara 2026 ajandaa dhiyeessi bishaanii itti fufiinsa qabuufi sirna qulqullina eegsisu diriirsuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, kunis milkaa’ina Ajandaa 2063’f bu’uura murteessaa akka kaa’u ibsameera.

Yaadni ijoon marii kanaas misooma itti fufiinsa qabu, guddina diinagdee hirmaachisaa, fayyaa hawaasaa, akkasumas eegumsa naannoo cimsuuf gahee olaanaa akka qabu eerameera.
Ajandaan marii baranaa dhiyeessiifi qulqullina bishaanii eegsisuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, kunis carraa hojii uumuu, hiyyummaa hir’isuufi nageenyaafi tasgabbii Afrikaa mirkaneessuuf murteessaa akka ta’e akeekameera.

Gamtaan Afrikaa namni hunduu bishaan qulqulluu dhugaatiif, qonnaaf, indastiriifi fi fayyadama biroof akka argatuuf qaamoleen dhimmi ilaalu hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisuu isaa TOI gabaase.