Finfinnee kutaalee magaalaa hundatti oomishni gahaan dhihaateera- Obbo Jaanxiraar Abbaay

You are currently viewing Finfinnee kutaalee magaalaa hundatti oomishni gahaan dhihaateera- Obbo Jaanxiraar Abbaay

AMN PLUS- Mudde 24/2018

Ayyaana Yaadannoo Dhalachuu Yesuus Kiristoos kan bara 2018 sababeeffachuun, Finfinnee Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittitti Baazaariifi Igziibishiniin ifatti eegaleera.

Saganticha kan eegalchiisan Kantiibaa Itti Aanaafi Hoogganaan Biiroo Misooma Industirii Obbo Jaanxiraar Abbaay, jiraattonni oomishaalee qonnaafi Industirii gatii madaalawaan akka argataniif qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Oomishaaleen kunneen kutaalee magaalaa hunda keessatti haala gahaa taheen dhihaachuu dubbataniiru.

“Jiraattonni naannoo mana jireenyaa isaanitti oomisha qulqulluu gatii madaalawaan akka argatanii hanga jala bultii ayyaanichaatti xiyyeeffannaan ni hojjetama” jedhan.

Daldaltoonnis oomishaalee kanneen haala gahaan dhiheessuun jiraattotas fayyaduun ofiifis haala madaalawaa ta’een akka fayyadaman yaadachiisaniiru.

Hoji Raawwachisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Obbo Alamaayyoo Miijanaa gama isaanitiin kutaa magaalichaatti Intarpiraayizoonni 130, Industiriiwwaan oomishaa gurguddoon 28 fi Daldaltoonni hedduun oomishaalee isaanii dhiheessaa jiraachuu ibsaniiru.

Geetaahun Katamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply