Sirni gabaa tasgabbaa’aan tibba Ayyaana Qilleetti mul’ate cimee akka itti fufu xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uu Kantiibaan Itti Aanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Hogganaan Biiroo Indastirii Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsan.
Gamtaan waloo Qaala’iinsa Jireenyaa fi Tasgabbii gabaa hojiilee baatiiwwan lamaan darban keessa hojjate qorateera.
Wayituma kana Walitti Qabaan Gamtichaa Obbo Jaanxiraar Abbaay, sirni gabaa tasgabbaa’aa tibba ayyaanni Qilleetti baazaarotaafi wiirtulee gabaa keessattu mul’ate gara fuulduraattis cimee akka itti fufu xiyyeennoon hojjachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Baatiiwwan lamaan darban keessatti iddoowwan gabaa sadarkaa isaanii eeggatan babal’isuun, dhiyeessii oomishaa dabaluun akkasumas oomishtoota shamattoota waliin kallattiin walitti fiduun hojiin bu’a qabeessa hojjatamuu isaas ibsaniiru.

Ayyaana Qillee sababeeffachuun kutaalee magaalaa hundumaatti baazaariiwwanii fi agarsiisni banaman jiraattotni Magaalaa Finfinnee oomishaalee ayyaanaaf ta’an itti dhiyeenyaa fi gatii madaalawaan argachuun milkaa’ina guddaa akka ta’es dubbataniiru.
Gama dhiyeessii midhaanii, kuduraa fi muduraan akkasumas beeyiladootaan hojiin milkaa’ina qabu hojjatamus, fedhii hawaasaa guutuu irratti ammallee hanqinootni waan jiraniif baatiiwwan itti aanan keessatti xiyyeeffannoon akka hojjatamus kaasaniiru.
Hanqinaa fi qaala’iinsa gatii dhiyeessii oomishaalee akka killee fi zayitaa irratti mul’atan furuuf sadarkaa gabaa hundatti fooyyessin taasifamaa akka jiru ibsuun, ayyaanota gara fuulduraatti kabajaman irrattis dhiyeessii guddisuufi gabaa tasgabeessuuf gahumsi dandeessisu uumamuu isaa kaasaniiru.
Hoggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj gama isaaniin, haalli gabaa ji’oota lamaan darbanitti mul’ate gama dhiyeessiinis ta’e qulqullinaan fooya’aa ta’uu ibsaniiru.
Barakat Geetaachootiin