Itoophiyaa jabduu ijaaruuf tokkummaa keenya cimsuu qabna- Pirezdaanti Taayyee Atsiqasillaasee

You are currently viewing Itoophiyaa jabduu ijaaruuf tokkummaa keenya cimsuu qabna- Pirezdaanti Taayyee Atsiqasillaasee

AMN PLUS- Amajjii 11/2018

Itoophiyaa jabduu ijaaruuf tokkummaa keenya cimsuu qabna jedhan Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Ayyaanni Cuuphaa magaalaa Gondar galaana Cuuphaa Faasilidasitti haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.

Sirna kabaja ayyaanichaa irratti Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar fi Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan argamaniiru.

Akkasumas Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, Ministira Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabal, Gorsaa Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqon Daani’eel Kibrat dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamaniiru.

Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen ergaa sirna kabaja ayyaanichaarratti dabarsaniin, duudhaa amantichaa eeguun dhaloota egereetti dabarsuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Waloomni, waliif yaaduufi wal gargaaruun ibsituuwwan Itiyoophiyaa ta’uu eeranii, kana itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.

Uummanni Itoophiyaa hubataa, obsa qabeessaafi gootaa ta’uus kaasanii, gatiifi faayidaa mootummaa kan hubatu ta’uu eeran.

Carraaleefi abdii qabnutti haalaan fayyadamuun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Itoophiyaan diinota hedduu qabdi; akka guddannu hin barbaadan jedhanii, kana qolachuuf tokkummaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Ibsituuwwan Itoophiyaa abbootiin tursiisan dhalootaa dhalootatti dabarsuuf hundi itti gaafatamummaa qabaachuus kaasaniiru.

Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa gamasaaniin, keessummoota ayyaanicha kabajuuf gara magaalaa Gondar dhufaniin baga nagaan dhuftan jedhaniiru.

Ayyaana waloomaafi waliif yaaduu kan ta’e Ayyaanni Cuuphaa faayidaa hawaasummaafi diinagdee olaanaa qabas jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply