AMN PLUS- Ebla 23/2018
Dorgommiin Biskileetii Idil-addunyaa “City Mountain Bike” Finfinneetti adeemsifamuuf qophiin xumurameera. AMN Sagaleen Dhalootaas dorgommii kana Dilbata dhufu Kallattiin biyyoota 67 keessatti tamsaasuuf qophiisaa xumureera.
AMN PLUS kanuma ilaalchisuun dorgomtoonni Itoophiyaarraa hirmaatan, keessumaa qophii miseensota Kilaba Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa achumatti argamuun daawwateera.
Ispoorteessaan Biskileetii Kilaba Akkaadaamii Itoophiyaa, Mudassir Asiraat dorgommii biskileetii idil addunyaa Itoophiyaa fi Finfinneen yeroo jalqabaaf keessummeessan kana irratti gahumsaan hirmaachuufi mo’achuuf akka abdii qabu ibsuun, qophii taasisuu dubbateera.

Dorgomtuun biroo Leelloo Hundee dorgommiin biskileetii kan jalqabaa ta’e kun dadhabbii fi wal’aansoo olaanaa qabaatus Itoophiyaa dorgommii kanaan beeksisuuf waan dandeessu hundumaa kan gootu ta’uu ibsuun, ispoorteessitoota biskileetii biyyoota biroo muuxannoo gahaa qaban irraa qooddachuuf carraa guddaa ta’uu kaasteetti.

Leenjistuun Kilaba Biskileetii Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa Algaanesh Gabrahiwot misoomni koriidarii fi haalotni mijatoo dorgommii biskileetiif uumaman guddattootni gara kilabichaa dhufuun akka leenji’an taasisuu ibsuun dorgommii Finfinneef kan jalqabaa ta’e kana irratti qabxii gaarii galmeessisuuf qophii quubsaa ta’e taasisuu himaniiru.

Dorgommiin Biskileetii “City Mountain Bike” shamarranis irratti hirmaatan kun ispoorteessitoota damichaa Itoophiyaa bakka bu’uun dorgoman horachuuf carraa itti fayyadaman ta’uu illee ibsaniiru.
Dorgommiin kun maqaa gaarii Itoophiyaa addunyaatti beeksisuu fi haala mijataa taateewwan idil addunyaa akkasiif Finfinneen misoomaan horatte agarsiisuuf akka oolu himuun, ispoorteessitootni qabxii gaarii galmeessisuun kana mirkaneessuuf akka cimanii morkatan ibsaniiru.
Gabaasa Dachaasaa Dhaabii, Malkaamuu Abbabaatu qindeesse