Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba’aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata?

You are currently viewing Ashaaraan Gaarummaa Akkamiin Ibsama? Mee Nama Akkasii Tokko Haa Kaasnu! Qabeenya Boba’aan Ani Qabu Caalaa Uummata Kooti Natti Aana Jechuunis Yaadannoo Qabu. Eenyu Laata?

AMN PLUS- Ebla 25/2018

Qaamaan fagoo, yaadaan baay’ee Itoophiyaatti dhiyoo turan. Har’uma kana Finfinneen maqaa isaanii baay’inaan kaasteetti.

Sheek Zaayid Bin Sulxaan Al Naahiyaan jedhamu. Pirezidaantii Emiraatoota Gamtaan jalqabaa (UAE) turan. ALA’tti Bara 1918’tti dhalatanii Bara 2004’tti addunyaa kana irraa du’aan boqotan.

Gaggeessaa biyyaa cehumsa biyya isaaniif dhagaa bu’uuraa ka’an turan. Ammayyummaa fi badhaadhina UAE’f gumaacha olaanaa bahataniin maqaa Abbaa Biyyaa “Father of the Nation” akkasumas Goota Gammoojjii “Man of the Desert,” jedhamuun waamamuu irra darbee galma ga’iinsa mul’ata guddina egeree biyya isaaniif cichoomina, kutannoo fi gahumsi olaanaan agarsiisan, hundaa olitti ammoo Arjummaan isaanii onnee tokkoon tokkoo lammiilee biyya isaanii keessatti kudhaamamee bara baraaf yaadatamaa jiraatu.

Tooftaan hoggansaa fi quuqamni isaan kunuunsa naannoof qaban ammoo siidaa jiraataa ta’uun gaarummaan dhaabbateeraaf.

Sheek Zaayid Bin Sulxaan Al Naahiyaan hagam illee gammoojjii hamaa cirrachi isaa sochii danquufi dheebuun isaa lafaan dhahu jidduutti dhalatanis kuni hiree kooti jedhanii jiraachuu itti fufuurra naannoo isaanii kunuunsuun magariisatti jijjiiruun, misooma jallisii, kunuunsa bishaanii fi biqiltuu dhaabuun hogganaa gammoojjii magariisatti deebisuun miidhagina addaa gammoojjummaa addunyaatti agarsiisan turan.

Nama uummata isaaniif kabaja olaanaa qabanii qaban akaksumas wayita walitti bu’iinsi fi rakkoon qaamolee hawaasaa jidduu jiraatu kallattumaan dhufanii akka isaan mariisisan haala mijeessuun jaarsummaan (Majilisaan) furan turan.

Bara 1960’ta keessa wayita magaalaa Abu Daabii hundeessan ulee ittiin gala isaanii qajeelchaniin wixineewwan ijaarsa daandii, bu’uuraalee misoomaa biroo fi pilaanii magaalaa baasuun ashaaraa guddaa kaa’aniiru.

Qabsoo Sheek Zaayid mirga dubartootaa fi barnootaaf taasisan ammoo daran akka laphee uummataa keessaa hin badne taasisa. Dubartootni qaama hawaasaa walakkaa ta’an qollifatamanii guddinni galma gahu hin jiru jechuun hojii mootummaa fi hoggansa irratti akka hirmaatan akkasumas shamarran akka baratan haala mijeessuun bu’uura guddina roga maraa biyyi isaanii har’a irra geesseef gahee olaanaa bahataniiru.

Arjummaan isaanii ammoo hunda biratti kan yaadatamu yoo ta’u, dhaabbileen gargaarsaa biyyaan alatti hundeessan biyyoota 40 ol keessatti mana barumsaa, daandii fi hospitaala ijaareera; pirojektoota qonnaa hedduu deggeruun heddummoota agabuu buluu irraa oolcheera.

Dippiloomaatii Idil addunyaa kan ta’an Pirezidaanti Sheek Zaayid jaalalli amantaa isaaniif qabaniifi kabajni isaan amantoota biroof qaban ijaarsa bakka waaqeffannaa hordoftoota amantaa Islaamaan ala ta’aniif dachee isaanii irratti akka ijaaramaniifi bilisummaan sirnaa fi duudhaa amantaan biroo raawwatan haalli itti eyyemanis haga har’aatti ragaa qabatamaa ta’eera.

Sheek Zaayid waadaa haadha isaanii Sheekaa Salaamaa Bint Buutii eeguun biyyi isaanii walitti bu’iinsa wal waliinii irraa bilisa akka taatuufi aangoonis waraana malee nagaan akka darbu taasisuu eegsisuun tursan haga har’aas biyyattii rakkoo irraa baraareera.

Namni ogummaa qabaniin beekaman Sheek Zaayid wal dhabdee biyyoota naannawaa jidduutti uumaman tooftaan furuunis akkasuma ni beekamu.
Dhaabbatni Sagantaa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii “UNEP” hagam illee erga isaan lubbuun darbanii ta’us beekamtii “Goota Dachee Bara Jireenyaa “Earth heroes” jechuun namoota bebbeekamoo addunyaaf beekamtii kenneef keessaa Sheek Zaayid gama kunuunsa naannoo fi qonna gammoojiin hojii ajaa’ibsiisaa hojjataniin isaan tokko turan.

Sheek Zaayid dureessa haa ta’an malee gaarummaa fi arjummaa akkasumas bakka olaanaa namoota harka qalleessaaf qabaniifi jireenya isaanii akkuma namni tokko jiraatutti gadi of deebisuun, aadaa fi duudhaa isaanii kabajuun jiraachuun beekamu.

Akkasis jedhu. “Qabeenyi koo boba’aan qabu osoon taane, uummata kooti”

Akkuma kana jedhanis, uummata biyya isaanii irra darbee hawaasa idil addunyaa maraan gaarummaa isaaniin yaadatamaa bara baraaf jiraatu.

Siidaawwan jiraatoo maqaan isaanii ittiin ol ka’ee mul’ate keessaa tokkoo fi ijoon ammoo fiigicha gaarummaa kiiloo meetira 5 har’a ganama magaalaa Finfinneetti adeemsifame.

Magaalaa Finfinneetti Fiigichi Gaarummaa Kiiloo Meetira 5 maqaa isaaniin moggaa’ee har’a ganama adeemsifameef, Sheek Zaayid Eenyu? Waa’ee isaanii maal beekna?

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply