AMN PLUS – Guraandhala 01/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hojjettoota qaxalee aadaa hojii 24/7’n misooma Kooriidarii Finfinnee saffisiisaa jiraniif maaddii qooduun jajjabeessaniiru.
Hojjettootni kunneen hojiilee misooma kooriidarii Addunyaa Daa’immanii naannawa Qarsaa (Kaazaanchis) Paarkii Ispoortii, Akuwayiramii Addis, daandii VIP Uraa’elii haga Boolee, Embaasii Ingilizii haga 22, Boolee Freendishiippii haga Boolee Ruwaandaa irratti warreen hojjechaa jiranidha.
Hojjettooti hojii misooma koriidarii irratti hirmaataa jiran bakkeewwan magaalattii adda addaatti cimanii hojjetaa akka jiranis ibsan.
Hojjettonni kunniin miira jaalala biyyaan guddina waliigalaa magaalattiif ga’ee humnaa fi beekumsa isaaniin gumaachaa jiraniif galata galchaniiru.
Abbootii qabeenyaa maaddii hojjetoota kanneeniif qoodame irratti hirmaatanis galateeffataniiru.