AMN PLUS – Guraandhala 17/2018
Oromoon Yoo Mammaaku Abidda Mana Dhufe Wayaadhaan Dhaamsuu Jedha. Kana Jechuun Waanuma Sitti Dhiyoo, Kanuma Harka Kee Irra Jiruun Hojiin Abidda Mana Qabate Dhaamsuu Hojjetama Jechuudha.
Seenaan Lola Adawaa Bara 1888 Itoophiyaafi Itaalii Gidduutti Dhalates Kanuma Fakkaata.
Itaaliin Mari’attee, Beellamte Gaafa Akkasiin Dhufa Jettee Itoophiyaa Waliin Lola Keessa Hin Seenne.
Seenaan Lolichaa Akka Ibsuutti Itaaliin Biyya Qaroomte, Gahumsa Qabdu, Harka Miccirtee Bituuf Akka Humna Qabdutti Tilmaamuun Gara Dachee Argama Dhala Namaa Itoophiyaatti Duulutuu Himame.
Dubbiin Itaaliin Sammuu Keessatti Kaartaa Kaafattee Hojiitti Hiikuuf Gara Itoophiyaa Dhuftee Lafarratti Hojjechuu Hin Dandeenye.
Karoora Itaaliin Itti Yaaddee, Mala Dhooftee Qabattee Gara Itoophiyaa Dhufte Eenyutuu Harkaa Dha’e?
Waraana Keessatti Inni Jalqabaa Qorqalbii Saayinsii Loltummmaan Ofitti Amanamummaa Guutuun Imaluu Yoo Tahu, Namni Sana Qajeelchu, Ajajaan Waraanaa Gahumsa Qabu, Kallattii Hunda Kan Beeku, Eessatti Maal Hojjechuun Akka Irra Jiraatu Namni Beeku Dhiirri Ija Barbaada, Onnatee Kan Onnachiisu Jiraachuun Dirqama.

Kanumaaf Natti Fakkaata Kan Keessa Beekuuf Lolli Tapha Kan Jedhan Gootni Oromoo Abishee Garbaa.
Injifannoo Itoophiyaan Itaalii Irratti Galmeessiteef Nama Akkasiitu Fuuldura Ture. Namni Kun Gabayyoo Gaboo Gurmuuti.
Fitawuraarii Gabayyoo Gaboo Gurmuu Ilma Oromooti. Abbaa Injifannoo Itoophiyaati. Gootummaa Gabayyoo Gaboo Gurmuu Itoophiyaanotni Sirriitti Amanu.
Diinotni Faallaa Gooticha Gabayyoo Gaboo Gurmuu Dhaabbachuun Waaranuuf Yaalanillee Waa’ee Gootummaa Onnee Guutuu Nama Ija Barbaadaa Kana Tolchan Dhugaa Bahuu Seenaan Waraanichaa Gudunfeera.
Gootummaan Fitaawuraarii Gabayyoo Gaboo Gurmuu Seenaa Waraana Adawaa Injifannoo Itoophiyaan Goolabame Keessatti Ajajaa Olaanaa Waraanichaa Tahuun Injifannoo Waggoota 130 Imale Dhaloota Har’aaf Gudunfuu Qofa Miti.
Gabayyoon Irraa Hin Seesin, Duubatti Hin Jedhiin Jechuunis Beekama. Dhuma Dubbii Kan Fakkaatu, ‘Osoon Baqadhuu Rasaasni Duubarraan Yoo Na Rukkute Foon Koo Allaattiin Haa Nyaattu’ Jechuun Dubbateera.
Kun Gootummaa Jabaa Gabayyoo Yoo Tahu Yoon Osoo Waraanee Waraansisuu Adda Koo Irra Rukkutame Garuu Akka Gootummaa Kootti Kabajaan Gara Bakka Dhaloota Kootti Geessatii Na Awwaalaa Dhaamsa Jedhuus Gabayyoo Gaboo Gurmuu Dhaammateera.
Fitawuraarii Gabayyoo Gaboo Gurmuu Imaanaa Biyyaa, Biyyis Imaanaa Biyyaa Gootichaa Osoo Hin Nyaatiin Waan Hunduu Raawwatamuu Kitaabileen Hayyoota Garaagaraan Seenaa Gabayyoo Of-Keessatti Qabatan Dhalootaaf Kahaniiru.
Gabaabumatti Gabayyoon Faa Yoo Lolan Baandaa Teessooti Foolataan Diinni Lafa Lixu Dhaba Jechuudha.
Goota Akka Gabayyoo Gaboo Gurmuu Seenaan Bara Baraan Yaadata!
Siidaan Isaas Yaadannoo Injifannoo Adawaa, Finfinnee Birbirsa Goorootti Ijaarame Keessa Kabajaan Dhaabameera.
Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e