AMN PLUS – Guraandhala 25/2018
Pirezidaantiin duraanii Senegaal Maakii Saal Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii ta’uuf durateessuu Gamtaa Afriikaa yeroo ammaa Burundiidhaan kaadhimamuun dorgommii keessa seenuu himame.
Maakii Saal waggoota 10f erga tajaajilanii booda akka lakkoofsa faranjootaa Mudde 31 bara 2024 aangoo isaanii kan gadi lakkiisan yoo ta’u, amma Antooniyoo Gutaareez bakka bu’uuf filannoo kana irratti kaadhimamaniiru.
Dubbi himaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Laa Niiysii Kooliins hoggansummaa Dhaabbata Mootummaa Gamtoomaniif kaadhimamuu pirezidaantii duraanii Senegaal Maakii Saal mirkaneessaniiru.
Akka lakkoofsa faranjootaa bara 2012 hanga 2024tti pirezidaantii Senegaal ta’uun biyya isaanii tajaajilaa kan turan Saal, ardii Afrikaa irraa kophaa eergamaa hojii dhaabbata olaanaa addunyaa UNf kaadhimamuun gara filannootti seenuun isaanii tibbana mata duree gabaasa miidiyaalee addunyaa isaan taasiseera.
Pirezidaantiin Chiilii duraanii Misheel Baachelet fi dippilomaatiin Arjentiinaa Raafaa’eel Giroosii kan yeroo ammaa Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa hoogganan barreessaa Olaanaa UN Aantooniyoo Gutaareeziin namoota bakka bu’uu sirnaan kaadhimamaniidha jedha gabaasni TRT Afrikaa.
Koostaa Riikaan ammoo itti aanaa pirezidaantii ishee duraanii Ribqaa Giriinspaan kaadhimamuummaan fuulduratti fidaa jirti.
Pirezidaantiin duraanii Senegaal Maakii Saal barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uun Yoo filataman, ardii Afrikaa irraa bara 1992 hanga 1996tti kan tajaajilan Ijipt irraa Buuturoos Buuturoos-Gaalii fi Gaanaa irraa bara 1997 hanga 2006tti barreessaa Olaanaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uun kan tajaajilan Koofii Aanaa booda lammii Afrikaa sadaffaa ta’uun hogganaa UN ni ta’u jedhameetuu eeggamaa.
Kaasiyyee Maanguddaatiin.