Naannoon Tigraay Boqonnaa, Nagaafi Misooma Barbaada – MM Abiyyi

You are currently viewing Naannoon Tigraay Boqonnaa, Nagaafi Misooma Barbaada – MM Abiyyi

AMN PLUS – Guraandhala 24/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) haala yeroo naannoo Tigraay irratti ENA waliin Afaan Tigreen turtii taasisaniin naannoon Tigraay boqonnaa, nagaafi misooma barbaada jechuun ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Tigraay barachuufi muuxannoo fudhachuu kan qabdu warreen fooyyee qabanirraati malee kanneen ofiirraa galaniirraa tahuu hin qabu jedheen amanaan ibsaniiru.

Uummata Tigraayiif nagaafi misoomni ni malaaf, nagaafi misooma jaallata, nagaafi misoomaaf qabsaa’eeraas ibsaniiru.

Kanaaf waraanniifi qabeenyi barbaada’uun hin maluuf jedheen amanas jedhan Ministirri Muummee ibsa isaaniin.

Kunis yaadaafi ilaalcha boodatti hafaan mirkanaa’uu akka hin dandeenyees hubachiisuun aangoon kan uummataati, harka dargaggoota baratan galuus qaba jedhan Dooktar Abiyyi.

Gareen TPLF naannicha boqonnaa dhowwate umrii isaa galgala keessa waan irraa hin bareedne hojjechuu hin qabu, yeroon isaa yerootti waraanaaf wal affeeran mitis Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsuun uummatni nagaafi misooma dheeboteera kanaaf haalli jiru misoomaafi nagaan bakka bu’uu qaba jedhaniiru.

Gama keenyaan fedhii uummata keenyaa bu’uureffannee deeggaruuf qophiidha jechuun kaasuun naannolee biyyattii hunda misoomniifi nageenyi jiru naannoo Tigraayiif akkasuma ni malaan amantaa keenya jedhaniiru.

Uummatni keenyas warreen nageenya barbaadan, dargaggoota baratan waliin wal deeggarre nageenyaafi misooma naannoo Tigraayiif haa hojjennu jechuun Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) waamicha dhiyeessaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply