Finfinneen taateewwan idil-addunyaaf filatamtuu taateetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneen taateewwan idil-addunyaaf filatamtuu taateetti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- 25/2018

‎Har’a barii magaalaa Finfinneetti fiigichi Kiiloo Meetira 5 Gaarummaa Sheeh Zaayid Addabaabaayii Masqalaatti adeemsifamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee beeksisaniiru.

‎Dorgommii Fiigichaa fageenya Kiiloo Meetira Shan haguugu kana irratti qaamoleen hawaasa garaa garaa, atileetotni bebbeekamoo, namootni dhageettii qaban, daa’imman akkasumas lammiileen biyya alaa irratti hirmaachuu Kantiibaan Adaanech ibsaniiru.

‎Kantiibaan Adaanech Abeebee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, kanaan dura dorgommii Idil Addunyaa magaalota Ameerikaa, Biraazil, Abu Daabii, Hindii, Chaayinaa fi Kaayirootti adeemsifamaa ture Itoophiyaan yeroo jalqabaaf keessummeessuu ibsaniiru.

‎”Fiigichi Gaarummaa Kiiloo Meetira 5 Sheh Zaayid Finfinneetti akka adeemsifamuuf filachuu keessaniif isinin galateeffadha” kan jedhan Kantiibaa Adaanech, Finfinneen taateewwanii fi dorgommiiwwan sadarkaa ardii fi idil addunyaatti taasifamaniif filatamtuu ta’uu ishee hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply