Cheelsiin har’a halkan sa’atii 4:00 irraa eegalee Biraayteen waliin morkata

You are currently viewing Cheelsiin har’a halkan sa’atii 4:00 irraa eegalee Biraayteen waliin morkata

AMN PLUS – Ebla 13/2018

Tapha torbee 34ffaa pirimeerliigii Ingilaandiin Biraayteen dirree isaarratti Cheelsii keessummeessa.

Cheelsiin taphoota liigichaa 5 darban dhiyeenya taphate keessaa 1 injifachuun 4 ammoo injifatameera.

Kilabni dirree isaatti halkan sa’atii 4:00 irraa eegalee Cheelsii keessummeessu Biraayteen ammoo taphoota 5 dhiyeenya taphate keessaa 3 injifachuun, 1 injifatamee kan hafe ammoo qixa bahuun gahumsa gaariirra jira jechuun ni danda’ama.

Kilaboota halkan kana walkeessummeessuuf deeman Biraayteeniifi Cheelsii gidduu garaagarummaan qabxii jiru 1 qofa tahuun tarii Biraayteen dirree isaatti dhimma bahuun kan milkaa’u taanaan Cheelsiirraa sadarkaa 6ffaa fudhata.

Cheelsiin haala taphaa ittin dhufe jijjiiruun kan milkaa’u taanaan sadarkaa amma irra jirurratti jijjiirama fidus baatu kilaboota fuuldura isaa jiran itti dhiyeenyaan hordofuuf isa gargaara jechuudha.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply