Awutoobisiin Socho’aa “Masoob” tajaajila akkamii kenna?

You are currently viewing Awutoobisiin Socho’aa “Masoob” tajaajila akkamii kenna?

AMN PLUS – Ebla 14/2018

Tajaajilli socho’aa awutoobusii “Masoob” har’a hojii eegale, tajaajiloota mootummaa barbaachisoo ta’an kallattiin hawaasa biraan gahuuf tarkaanfii guddaa fudhatameedha.

Awutoobusichi tajaajilaaf qophaa’e meeshaalee guutuu kan qabuufi akka giddu-galeessa tajaajilaa of danda’etti kan ijaarame yoo ta’u, hojimaata si’ataa fi amansiisaa mirkaneessuuf teknooloojiiwwan amayyaa fi sirna qindaa’aa of keessatti qabatee jira.

Awutoobusichi sirna hiriira maamiltootaa ittiin qindeeffamu kan qabu yoo ta’u, filannoowwan kaffaltii adda addaas of keessatti hammateera.

Humna tajaajila kanaaf barbaachisu keessaa hamma tokko annisaa biiftuu (solar) kiiloo waatii 8 irraa kan argatu yoo ta’u, interneetiin amansiisaanis keessatti hidhameera.

Dabalaataan, nageenyaa fi iftoomina kenniinsa tajaajilaa hordofuuf kaameeraaleen nageenyaa irratti hidhamaniiru.

Bu’aan kalaqaa fi kutaan socho’aan furmaata addaa qabatee dhiyaate kun, tajaajiloota murteessoo dhaabbilee mootummaa saddeet irraa argaman kanneen armaan gadii ni kenna:

• Lakkoofsa Addaa Kaffaltii Gibiraa (TIN): Kenniinsa lakkoofsa haaraa.

• Hayyama Daldalaa: Baasuu fi haaromsuu.

• Qorannoo Fayyaa: Qorannoo hayyama konkolaachisummaaf barbaachisu.

• Waraqaa Eenyummaa fi Galmee: Waraqaa eenyummaa jiraattummaa haaromsuu fi galmee dhalootaa raawwachuu.

• Geejjiba: Hayyama konkolaachisummaa kennuu fi lakkoofsa gabatee konkolaataa haaromsuu.

• Tajaajila Poostaa: Kaffaltii fandii daandii Tajaajila Poostaa Itoophiyaatiin raawwatamu.

• Eenyummaa Biyyaalessaa: Galmee eenyummaa biyyaalessaa fi sirreeffama ragaalee.

• Tajaajila Elektiriikii: Tajaajila elektiriikii kaffaltii duraa (pre-paid) Tajaajila Elektiriikii Itoophiyaatiin kennamu.

Walumaagalatti, awutoobusichi tajaajiloota dhaabbilee saddeetii bakka tokkotti qindeessuun, lammiileen fagoo osoo hin deemin ykn biirolee adda addaatti argamuun osoo isaan hin barbaachisin, furmaata mijataa, si’ataa fi dhaqqabamaa ni kenna.

Madda: Waajjira Ministira Muummee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply