AMN PLUS-Amajjii 28/2018
Paartileen Morkattootaa Magaalaa Finfinnee Filannoo Marsaa 7ffaa haala naga-qabeessa, haqa qabeessaa fi bilisa taasisuun danda’amu irratti marii taasisaniiru.
Manni Maree Paartilee Morkattootaa Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan jahaa bara 2018 adeemsiseera.
Manni marichaa faayidaa biyyaalessaa irratti “waliin qindoomnee ni hojjenna, garaagarummaa siyaasaa qabnu irratti ammoo karaa nagaatiin wal morkanna” kutannoo jedhuun walga’ii taasiseera.
Filannoon waggoota shan dura bara 2013 taasifame ija paartilee morkattootaa kan bane fi Itoophiyaatti filannoodhaan mootummaa hundeessuun akka danda’amu daandii kan saaqe ta’uu isaa Hoji Raawwachiistuun Kutaa Magaalaa Lidataa Aadde Li’iilt Gidey ibsaniiru.
“Paartileen morkattootaa wal-qixa yaada isaanii bilisaan ibsachuun filannoon bilisaan akka taasifamuuf murteessaadha” jedhaniiru.
Walitti Qabduun Mana Maree Paartilee Morkattootaa Magaalaa Finfinnee Aadde Addis Mahaammad gama isaaniin, hojiin ijaarsa dandeettii irratti dhaabbilee tola ooltotaa waliin qindaa’uun hojjetame boonsaa ta’uu himaniiru.
Baatiiwwan jahan darbanittis manni marichaa, miseensota isaaf leenjii dhimma ijaarsa diimokiraasii irratti kennaa kan ture ta’uu eeruun, harka qalleeyyiifi qaama miidhamtootaafis deggarsa taasisuun hojii gaariin akka hojjetame ibsaniiru.
Paartileen Siyaasaa kunneen filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara kanaas karaa nagaa, bilisa, haqa qabeessaa fi amanamaa ta’een akka xumuramuuf kutannoon kan hojjetan ta’uus dubbataniiru.
Abdiisaa Fufaatu gabaase