Daa’ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata?

You are currently viewing Daa’ima miilli dabee dhalateef falli jiraa laata?

Isiin Akka Carraa Tahee Daa’ima Miilli Dabee Dhalate Manaa Qabdu Laata? Hospitaalli Waliigalaa Xirunash Beejingi Falli Jira Jedha. Maal Godha?

Hospitaalota Finfinneen qabdu keessaa tokko hospitaala waliigalaa Xirunash Beejingi yoo tahu hospitaalichi daa’imman miilli isaanii dabee dhalatan qajeelchuun, yaaddoofi naasuu maatii daa’imman isaanii rakkoo akkasii waliin dhalatanii gammachuutti jijjiiraa jira.

Maatiin daa’imman miilli isaanii dabuun dhalatan yaaddoofi naasuu keessa seenuun isaanii waan oolle tahus hospitaalli waliigalaa Xirunash Beejingi hojii daa’imman miilli isaanii dabee dhalatan deebisuu itti fufeera.

Maatii daa’imman isaanii miilli dabuun dhalatan osoo yaalchisaa jiranii AMN PLUS dubbise keessaa tokko tokko abdii miilli ijoollee isaanii ni deebi’a jedhu kan hin qabne tahuu kaasuun amma garuu erga hospitaalichatti argamuun yaalii kana argatan booda yoo deebi’anii argan gammachuun isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Obbo Warqinaa Baay’isaa yeroo daa’imni isaanii dhalatu miilli isaa uumamaan dabee dhalachuun sammuun isaanii boqonnaa dhabee turuu warreen AMN PLUS Sagalee Dhalootaatti himan keessaati.

Keessumaa haati daa’imaa gar-malee dhiphattee turuun waan abdii deebi’uu hin qabne itti fakkaatee turuu eeraniiru.

Haa ta’u malee, “erga mucaan yaalii barbaachisu argatee dhaabbatee deemuu eegalu baa’yee gammadde”jedhan. Itti dabaluunis, “Mucaan amma miilli isaa deebi’ee dhaabbatee yoo deemu baay’ee gammadne” jedhaniiru.

Aadde Asteer Tasfaayee, mucaan isaanii yaala argachuuf gara hospitaala waliigalaa Xirunash Beejingi dhufee yaalii argatullee, miilli dabe akka deebi’uuf jeessoo itti godhame cabsaa turuu yaadachiisuun, irra deddeebiin yaalii argachuun mucaan isaanii amma miilli isaa nagaa ta’uu ibsan. Osoo hin nuffiin yaalii mucaa isaaniif taasisaniif ogeeyyii tajaajila yaala fayyaa hospitaala Xirunash Beejingi galateeffataniiru.

Dooktar Tsaggaa Yilmaa hospitaala waliigalaa Xirunash Beejingitti Ispeeshaalistii Tajaajila Yaala Baqaqsanii wal’aanuu Lafeeti. Rakkoon dabuu miilaa daa’imman irratti mul’atu sababni isaa baay’ee adda kan hin baane ta’ullee yaala fayyaatiin kan deebi’u ta’uu AMN PLUS’tti himaniiru.

Daa’imman yeroo dhalatan miilli isaanii dabuu kan beekamu yoo ta’u hospitaala isaaniitti baay’inaan kan yaalaman daa’imman dhiiraa ta’uu ibsaniiru.

Daa’imman haga ammaatti hospitaalichatti yaalaman 145 keessaa 100 ol dhiirota kan jedhan Dooktar Tsaggaan, “daa’imman kunneen yeroodhaan yoo yaalaman miilli isaanii dabee deebi’uu danda’a” jedhaniiru.

Hoji-Gaggeessaa Olaanaan Hospitaalichaa Dooktar Isheetuu Taaddalaa, daa’imman miilli isaanii uumamaan dabaa ta’ee dhalate yaaluuf tattaaffii dhaabbata Mit-Mootummaa ‘Hope Walk’ jedhamu waliin taasisaniin hanga ammaatti daa’imman 145 yaalaa jiraachuu ibsuun, isaan keessaa daa’imman 8 tajaajila waggaa 5 xumuruun guutummaatti fayyummaan isaanii mirkanaa’uu ibsaniiru.

Ijoolleen biroos miilli isaanii qajeeluu ibsuun, guutummaatti bakkatti deebi’uufi fayyummaan miila isaanii kan mirkanaa’e akka ta’uuf waggaa 5 turuu akka qaban ibsaniiru.

Hospitaalli waliigalaa Xirunash Beejing yaala fayyaa daa’imman miilli isaanii dabuun dhalataniif kennu kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Daa’imman kuma tokko keessaa tokko rakkoo uumamaan miilli isaanii dabuun dhalachuu kan danda’an ta’uu qorannoowwan tokko tokko ni mul’isu. Daa’imman kunneen yeroodhaan yaala fayyaa argatanii jennaan deebi’uu akka danda’u ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu.

Hospitaalli waliigalaa Xirunash Beejingi daa’imman miilli isaanii dabuun dhalatan 145 yaalaa jiraachuu beeksiseera.

Malkaamuu Abbabaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply