Waa’ee Buufata Poolisii Nam-Maleessa (Smart Police Station) Tibbana Tajaajila Eegalee Miidiyaaleen Idil Addunyaa Maal Jedhan?

You are currently viewing Waa’ee Buufata Poolisii Nam-Maleessa (Smart Police Station) Tibbana Tajaajila Eegalee Miidiyaaleen Idil Addunyaa Maal Jedhan?

AMN PLUS – Guraandhala 26/2018

Miidiyaalee Idil Addunyaa buufata poolisii nam-lameessa tibbana hojii eegale BBC’n xiinxaleera.

Miidiyichi gabaasa qindeesseen tajaajilli poolisii nam-maleessi magaalaa Finfinneetti kennamu eegale namoota tajaajila poolisii barbaadan hedduu bira gaha jiraachuu ibseera.

Tajaajilli poolisii ammayyaa kun “qondaala fuuldura dhaabbatee simatu, kutaa odeeffannoo, teessoo irra taa’anii dabaree eeggatan akkasumas qondaala poolisii dhaabbatee maqaa waamu hin qabu” jechuun tajaajilli nam-maleessi kun hagam warraaqsa dijitaalaa Itoophiyaan eegalte milkeessuuf kan onnatte ta’uu BBC’n ibseera.

Tajaajilichi Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Booleettii hundeeffamuun kan hawaasa tajaajilamaa dhaqqabu yoo ta’u qaama boqonnaa haaraa biyyattiin gama dijitaalaayizeeshiniin milkeessuu eegalte ta’uu hubachiiseera.

Poolisootni naannawwaa giddu gala ismaartii kanaatti argaman haala itti fayyadamaa isaa agarsiisaa jiraachus kan ibse BBC’n wiirtuun kun bakka itti oomishaalee teeknoloojii beeksisan (Tech showroom) fakkaachuu haalaan kaaseera.

Qindeessaan Damee Babal’ina Teekinooloojii Tajaajila Poolisii Ismaartii kanaa Komaandar Damissee Yilmaa, miseensotni poolisii giddu galichatti argaman namootatti haala fayyadamaa agarsiisuuf” tahuu ibsaniiru.

Iskiriiniin mul’atu haala itti gabaasa godhaniifi maalumaa taatee sanaa jechuunis tiraafikamoo dhimma waliigalaati” kan jedhu adda baasuun erga iskiriinicha cuqaasanii booda, qondaalli poolisii dhimmi ilaallatu kallattiin Iskiriinichuma irratti gaafachuun odeeffannoowwaniifi ragaalee guutuu fudhachuu kan eegalu ta’uu Qindeessaan kun BBC’f ibsaniiru.

Yoo rakkoon jiraate, qondaaltotni dafanii deebisuun, akka deebiin hatattamaa kennamuuf ramaddiin taasifamee akka dhufan, rakkoo sanaafis furmaata kennan taasifama” jechuun BBC’tti himaniiru.

Torbanoota muraasa darban keessattis gabaasotni akka baduu paaspoortii, maallaqa waliin dhahuufi komiin wal qabatu dhiyaachuu kaasuun, yeroo ammaa lakkoofsi namoota tajaajila poolisii ismaartii kanatti dhimma ba’anii akkuma hubannoon hawaasaa dabaleen cimaa kan dhufu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajilli Poolisii gara fuulduraa hawaasatti dhiyaachuun kennamuu kan qabu ta’uu kan eeran Obbo Damisseen, bu’uuraalee teeknoloojii tajaajila kanneen babal’isuuf oolan bakka hundaatti guutamaa deemuun hawaasa si’aa’inaafi ariitiin tajaajiluu kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

BBC’n dubbii Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yeroo tajaajila poolisii ismaartii kana eegalchiisan dubbatan keessaa, dhaabbilee haqaa dorgomoofi filatamoo horachuuf qaama rifoormii dijitaalaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu ta’uu kan kaasan, yaadachiiseera.

Mootummaan Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030 milkeessuuf imala eegale milkeessuuf akka ashaaraatti kan ilaalamu ta’uu kan eerame tajaajilli kun tajaajiloota mootummaafi manneen murtii dijitaalessuuf tarkaanfii olaanaa ta’uu gabaasni kun ibseera.

Tajaajila waraqaa eenyummaa dijitaalaafi dhaabbilee mootummaa hedduu sirna dijitaalaa kanaan onlaayinii taasisuu Itoophiyaa kan eeru gabaasni BBC kun biyyattiin guddina magaalaa ajaa’ibsiisaa galmeessuun akkasuma humna dargaggoo misoomaaf galtee olaanaa ta’uu malu kan qabdu ta’uu hubachiiseera.

Walumaagalatti Itoophiyaan damee dijitaalaan imala gaariirra jiraachuu kan ibse hanga ammaattis hojiileen gama kaffaltii dijitaalaan adeemsifamaniin birrii tiriliyoona hedduu sochoosuun kan danda’ame tahuufi dhaabbileen 130 ol dijitaalaa’uun akka milkaa’inaatti kan ilaalaman ta’uu caqasuun, jalqabbii gaarii mul’atu kana guutuu biyyaatti babal’isuun murteessaa ta’uu xiinxaltootni teekinooloojii dijitaalaa kunneen BBC’tti himaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply