Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Har’a Galgalaan Kilaba Isa Kamirraa Maal Eegdu?

You are currently viewing Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Har’a Galgalaan Kilaba Isa Kamirraa Maal Eegdu?

AMN PLUS – Bitootessa 01/2018

Addunyaa kubbaa miilaan waancaan gurra guddaa Ardii Awurooppaa taphni Shaampiyoonsi Liigii kilaboota 36’n eegale amma 16 qofa walitti hambiseera.

Wal-morkiin kilaboota 16 gara nuusa xumuraatti taasifamu har’a galgala gara dirreetti yoo deebi’u taphni Galaatasaraay vs Liveerpuul sa’atii 2:45 tti eegala.

Galaatasaraay taphoota 9 kilaboota Ingiliz waliin taphate keessaa 1 qofa injifatame.

Liveerpuul gama isaatiin taphoota 5 Galaatasaraay waliin taphate keessaa 1 qofa mo’ate. Kun hundi walitti ida’amuun taphni har’a galgala qaban akka eegamu taasisa jechuudha.

Taphoota biroo Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan har’a halkan sa’atii 5:00 tti eegamaniin Niwukaastil Yuunaayitid vs Baarseloonaa, Atileetikoo Maadriid vs Tootinaam akkasumas Atalaantaan Baayermuunik waliin taphni qaban baay’ee murteessoodha.

Niwukaastil bara waldorgommii kana Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaan akkaataan itti boqonnaa amma irra jiru gahe hawwataa tahuun Baarseloonaa silumayyuu taphattoota gahumsa qabaniin ijaarame waliin wal-morkiin taasisan beellama taphoota har’a galgalaa keessaa tapha jabaa jedhameera.

Atalaantaa kilabni Seerii-A Itaalii Boorshiyaa Doortimandi injifate ammas kilaba biroo Bundeesligaa Jarman Baayermuunik waliin beellama qabachuun tarii Muunikiif qormaata tahu akka maluu tilmaama tapha duraan xiyyeeffannoo argateera.

Tootinaam gara Waandaa Meetroopoolitaanootti kan imale yoo tahuu kilaba Diyaagoo Simoonii Atileetikoo Maadriid waliin taphni taasisu gahumsa pirimeerliigii keessatti agarsiisaa jiruun yoo wal bira qabamu harka kennatee deebi’uu akka malu xiinxalameera. Dubbiin kubbaan bifa ishee fakkaatti jettu osoo hin jijjiiramiin jechuudha.

Taphni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa hanguma gara waancaatti dhiyaachaa deemu kilabootni wal-mudduun waanuma baratame yoo tahuu taphootni liigichaa Roobii boriillee itti fufuun taphatamu jechuudha.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply