AMN PLUS – Guraandhala 30/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin adeemsa ijaarsa pirojektoota daandii magaalaa Finfinnee daawwachuun ibsaniiru.
Daawwannaa isaaniin daandiiwwan Awutoobiis Taraa – Massaalamiyaa Kolfee – Marfata 18 dabalatee Ayyar Xeenaa – Kaarraa- Walattee daawwachuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Daandii dheerinni isaa 8.9 Km ta’u daawwachuu kan ibsan Aadde Adaanech ijaarsi daandii asfaaltii Ayyar Xeenaa hanga Kaarraa Walattee hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen daawwannaa pirojektoota daandii magaalattii hojjetamaa jiran taasisaniin pirojektootni daandii 140 ijaaramaa jiraachuu kaasanii, pirojektootni kunneen ariitiin akka xumuramaniif hordoffiin taasifamaa jiraachuus dubbataniiru.
Pirojektiin daandii Ayyar Xeenaa- Kaarraa- Walattee baatiiwwan lamaan dhufanitti akkasumas pirojektiin daandii Kolfee- Marfata 18- Awutoobis Taraa- Massaalamiyaa ammoo baatiiwwan 10 keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Pirojektoontni kunneen yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun jiraattotaaf haala mijataa kan uuman akkasumas geejjiba gara magaalota naannoleetti taasifamu kan saffisiisan ta’uu eeraniiru.
Daandiiwwan kunneen daandii imaltoota lafoofi biskileetii, akkasumas hojiilee misooma magariisaa kan of-keessaa qabaniifi sadarkaa isaanii eeggatanii hojjetamaa jiraachuus Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa gama toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.