AMN PLUS- Bitootessa 1/2018
Itoophiyaafi Galaanni diimaan adda bahanii kan ilaalamne akka saantima tokko fuula lama qabuuti jedhan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatti Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaafi Leenjii Jeneraal Yimar Mokonnin.
Waldaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhimma galaana diimaafi fedhii balbala galaanaa argachuu biyyattii irratti marii gaggeessera.
Pireezidaantiin Waldaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Ajajaan Shantamaa Birhaanuu Amaaree, humni raayyaa ittisaa kaleessa birmatee biyyattiin balbala galaanaa akka hin dhabneef wareegama kaffale; har’as Itoophiyaan balbala galaanaa akka qabaattuuf dursee hiriiruuf qophiidha jedhaniiru.

Dhalootni ammas tokkummaa seenaa injifannoo Adwaa irraa barachuun, Itoophiyaan balbala galaanaa akka qabaattuuf gama hundaan dirqama isaa bahuu Akka qabu dhaamaniiru.
Maricharratti kan argaman Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaafi Leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Jeneraal Yimar Mokonnin gama isaaniin, fedhii Itoophiyaan balbala galaanaa argachuuf qabdu seera kennuufi fudhachuu irratti kan hundaa’e malee ajandaa walitti bu’insaafi waraanaa miti jedhan.
Itoophiyaafi Galaanni diimaan adda bahanii kan hin ilaalamne akka saantima tokko fuula lamaatis jechuun kan ibsan Jeneraal Yimar Mokonnin gaaffiin balbala galaanaa ajandaa lammiilee Itoophiyaa hunda ta’uun dhaloota har’aan deebii ni argatas jedhaniiru.
Gabaasni kan Sisaay Dirribaati