AMN PLUS – Guraandhala 24/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) dhimmoota waqtaawaa ilaalchisuun turtii Afaan Tigreen taasisaniin dhimmoota buqqaatotaa irratti xiyyeeffataniiru.
Waqtii waraanaatti lammiileen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an, waliigaltee Piriitooriyaa booda gariin deebi’uu kan yaadachiisan Dooktar Abiyyi, warreen hafan garuu TPLF fedhii siyaasaaf jedhee qabee hambise jedhan.
Gareen kun waliigalteen Piriitooriyaa guutummaan akka hojiirra hin oolleef kan itti tole qofaa keessaa fudhatee heera mootummaa cabsaa jiraachuus eeran.
Gocha kana raawwachaa, walitti bu’iinsa biraaf sababa ta’aa jiraachuu eeruun diinota farra Itoophiyaa ta’an biroo waliin hiriiruullee kaasan.
Mootummaan barii waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa irraa eegalee hojii isaa ijoo taasifachuun buqqatoota gara qe’eefi qabeenya irraa buqqa’anitti deebisuu tahuun gara Tsellemtiifi Raayyaatti erga deebi’anii booda gara TPLF’n buqqa’aniiru kan jedhan Ministirri Muummee ammas taanaan hojimaneen guddaan mootummaa federaalaa Buqqatoota gara qe’ee isaanitti deebisuu tahu ibsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) buqqatoota deebisan bayyanachiisuun jireenya isaanii itti fufsiisuun dirqama ta’uu hubachiisuun kanas hojiitti hiikuuf akka biyyaafi naannichaatti hojimanee keenya tahuu qaba jedhaniiru.
Waliigalteen nageenyaa Piritooriyaa
qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu itti gaafatamummaa isaanii beekanii amanamummaan yoo hojjetan rakkoolee keenya hunda keessatti hammachiisuun hiikuu dandeenya jechuun ibsaniiru.
Muruuts Tasfaayitu qindeesse.