Qaamoleen Odeeffannoo Dogoggoraafi Haasaa Jibbiinsaan Burjajjii Uuman Gocha Isaanirraa Of-Qusachuu Akka Qaban Ibsame

You are currently viewing Qaamoleen Odeeffannoo Dogoggoraafi Haasaa Jibbiinsaan Burjajjii Uuman Gocha Isaanirraa Of-Qusachuu Akka Qaban Ibsame

AMN PLUS – Bitootessa 02/2018

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Kaampaanii Meettaa (Meta) waliin ta’uun leenjii gaazexeessitoota miidiyaa dijiitaalaaf kenneen “yeroo filannootti odeeffannoowwan dogoggoraafi haasaawwan jibbiinsaa toora miidiyaalee hawaasaan akka hin tamsaane of-eeggannoon barbaachisu taasifamuu akka qabu ibseera.

Dhaabbileen lameen gabaasa filannoofi seerota waltajjii dijitaalaa irratti leenjii kennaniiru.

Leenjiin kun gaazexessitootnifi ogeeyiin miidiyaa dijitaalaa waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa irratti gabaasaaleen dabarsan amanamaa, madaalawaafi nageenyi kan eegame taasisuu irratti kan fuuleffate ta’uu ibsameera.

Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaatti Hoji-Raawwachiisaan Dhimmoota Tarsiimoofi Ijaarsa Dandeettii Obbo Taammiraat Darajjee, waltajjiiwwan miidiyaa adeemsa dimookiraasiifi yaa’insa odeeffannoo walabaaf gumaacha olaanaa qabaatanillee, keessumaa yeroo filannootti waltajjii odeeffannoowwan dogoggoraa (Misinformation) fi haasaawwan jibbiinsaa akka hawaasa hin burjajjeessine eeggannoon taasifamuu kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.

Haaluma kanaanis, Meettaa (Meta)’n qabiyyeewwan isaa ‘Facebook, Instagram fi WhatsApp’ irratti qajeeltoowwwan hawaasaa (Community Standards) fayyadamu irratti hirmaattota leenjichaaf ibsa bal’aa taasiseera.

Wayita Filannootti qormaatilee dijitaalaa mudachuu danda’an adda baasuufi ittisuuf akkasumas waltajjiiwwan ‘Meta’tti dhimma ba’uun odeeffannoo sirrii ta’e saffisaan hawaasa biraan ga’uuf maloota teeknoloojii dandeessisan irratti leenjitootaaf ibsi kennameera.

Leenjitootnis haala fayyadama ‘Meta’ irratti dogggoroota mudachaa jiran dhiyeessuun bakka bu’oota kaampaanichaa irraa ibsaafi deebii argataniiru.

Leenjichi gahumsa ogeeyyii miidiyaa ijaaruu irra ce’uun pilaatifoormiiwwan kanneen fayyadamuun wal jijjiirraan odeeffannoo dhimma filannoo ifa ta’e biyyattii keessa akka jiraatu bu’uura kaa’uu dubbataniiru.

Ogeeyyiin kunneen leenjichaa irraa beekumsa argatan gochaan mul’isuun, gaazexessummaa miidiyaa dijitaalaa itti gaafatamummaa qabuun gahee isaanii akka ba’atan waamichi taasifameera.

Gabaasni kan Shumat Dammaqaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply