Dorgommii biskileetii ‎Idil Addunyaa (Siitii Baayik Illimineetar) Awurooppaa hanga Koriidarii Finfinnee!

You are currently viewing Dorgommii biskileetii ‎Idil Addunyaa (Siitii Baayik Illimineetar) Awurooppaa hanga Koriidarii Finfinnee!

‎AMN PLUS – Ebla 20/2018

‎Ispoortiin Biskileetii gaarreen irraa gara wiirtuu magaalaatti, gara jidduu jiraattotaatti seenuun yoo handhuura magaalaatti biskileetiin garmaamamu miira addaa uuma.

‎Dorgommiin idil addunyaa “City Mountain Bike Eliminator (UCI) beekamtii argate kun magaalota waltajjii dorgommii turizimii magaalaa taasisuufi jaalala ispoortii calaqqisiisuuf gahumsa ajaa’ibsiisaa qaba.

‎Dorgommiin “Mountain Bike Eliminator (XCE) ALAtti Bara 2013 kan eegalame yoo ta’u kaayyoon isaas dorgommii biskileetii gaara irraa dinqisiifattoota gosa ispoortii kanaan walitti fiduuf yaadamee ture.

‎Dorgommiin kun fageenya Meetira 500 haga Kiiloo Meetira Tokkootti kan taasifamu yoo ta’u, dorgomtootni biskileetii gufachiisaawwan Nam-tolchee fi uumamaa darbuun sarara dhumaa irratti saffisaan beekamuuf kan irratti dorgomanidha.

‎Dorgommiin kanaan dura biyyoota akka Antiwarp (Beeljiyem), Paaris (Firaansi), Baarseloonaa (Ispeen), Paalaankaa Raayaa (Indooneeshiyaa), fi Saa’oo Pooloo (Biraazilitti) bifa miidhagina qabuun adeemsifameera.

‎Dorgommiin kun magaalota keessatti raawwatame hundatti iyyuu ashaaraa guddaa kaa’uu kan darbu yoo ta’u dorgommichi tamsaasa kallattiin Miliyoonotaaf waan darbuuf maqaa gaarii (Branding) kan ijaaruu, miidhagina magaalotaafi gamoowwan seena qabeessii akkasumas bu’uuraalee misoomaa addunyaatti beeksisa.

‎Yaa’insa Tuurizimii, Ispoorteessitoota kumaatamaan lakkaa’aman, leenjistootaafi turistootni jaalala ispoortii qaban gara magaalota kanneenii akka dhufan taasisuun galii hoteelotaafi daawwannaa irraa argamu dabaluuf oola. Akkasumas ispoorteessitootni dorgommicha hordofuun dhufan, sochiiwwan daldalaa fi carraawwan hojii magaalichaaf madda galii dabalataa ta’u.

‎Finfinneenis wayita ammaa pirojektii misooma koriidariin wal qabatee daandiiwwan biskileetii, daandiiwwan miilaa bal’ina qabanii fi bakkeewwan magariisaa babal’isaa kan jirtu yoo ta’u dorgommiin kun asitti adeemsifamuun faayidaa daneessa argamsiisa.

‎Misoomni koriidarii fi qarqara lageenii ammayyaawaa Finfinnee magaalattiin dorgommii Idil addunyaaf mijattuu ta’uu ishee gochaan agarsiisuu irra darbee imala Ijaarsa ‘Ismaarti Siitii” irratti akka argamtu mirkaneessa.

‎Finfinneen Magaalaan guddoo Afrikaa kun gahumsa dippiloomaasii ta’uun olitti gahumsa tuurizimiifis filatamtuu ta’uu mul’isa.

‎Dorgommiin Biskileetii kun gama tokkoon Geejjiba Magariisaa (Green Mobility) kan jajjabeessu ta’ee, gama biraan ammoo haala jireenya ammayyaafi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti illee gahee olaanaa bahata.

‎Kanaaf, dorgommiin ‘City Mountain Bike’ imala jijjiiramaa Finfinnee waliin kan Wal simedha kan jedhamu.

‎Dorgommii gosti isaa adda ta’ee, Afrikaaf kan jalqabaa Finfinneetti saaqamu kanarratti biyyootni Addunyaa 35 kan hirmaatan yoo tahu Addis Miidiyaa Neetwoorki gama Televizhinii, Raadiyoo fi filamaatilee miidiyaa dijitaalaa hundumaan hordoftoota isaa biraan gahuuf qophii xumuruun guyyaa dorgommichaa Ebla 24 fi 25/2018 eeggachaa jira.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply