“Warshaalee qonnaan bultootaaf carraa gabaa aannanii uuman babal’isuu itti fufna” Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing “Warshaalee qonnaan bultootaaf carraa gabaa aannanii uuman babal’isuu itti fufna” Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Ebla 23/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen warshaa aannanii “Laamee Deeyirii” dandeettii dhiyeessii guddisu eebbisiisuu himan.

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

Har’a damee dhuunfaa agiroo-induustirii keessatti oomishama aannanii qindeessuun; akaakuu, baay’ina fi qulqullinaan aannanii fi bu’aa aannanii jiraattota magaalaa keenyaa fi guutuu biyyaatiif bal’inaan dhiyeessuuf, warshaa aannanii dandeettii warshaa “Laamee Deeyirii” (Lame Dairy) bal’isu dabalataa eebbisinee jirra.

Biyyi keenya qabeenya loonii baay’ee qabaattuus, hanqina sona dabaluun wal-qabatu fi oomishtummaa gadi aanaa irraa kan ka’e dhiyeessii aannanii irratti ammayyuu hanqinni jiraachuun isaa ni beekama. Kun immoo ijoollee aannan argatanii guddachuu qabanii fi lammiilee oomishtoota ta’an ni miidha. Har’a Laamee Deeyirii keessatti kan argine, baay’inaa fi akaakuu oomishaatiin karaa ammayyaa ta’een oomisha aannanii fayyummaan isaa eegamee fi yeroo dheeraaf turu oomishuu jalqabuun isaa rakkoo kana kan furu dha.

Kana malees, qonnaan bultoonni keenya oomisha isaanii qulqullinaan gabaaf akka dhiyeessaniif walitti hidhamiinsa gabaa uumuun jalqabbii gaarii waan ta’eef cimee itti fufuu qaba.

Uumaan Itoophiyaa fi Ummata Ishee Haa Eebbisu!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply