AMN PLUS – Ebla 23/2018
Odeeffannoowwan miidiyaalee adda addarraa bahan to’achuufi odeeffannoo qabatamaa ta’uu isaanii adda baasuuf kan dandeessisuu sirni teeknoloojii to’annoofi bulchiinsa miidiyaalee qindaa’aan tumsa Inistitiyuutii Hubannoo Nam-tolcheefi Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaatiin misoomuun hojii eegalchiifameera.
Sagantaa Eegalchiisa sirna teeknoloojii kanarratti hoggantoonni olaanoo dhaabbilee mootummaa Federaalaa garaagaraan qooda fudhataniruu.

Teeknoloojiin sirna to’annoofi bulchiinsa tumsa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaafi Inistitiyuutii Nam-Tolchee Itiyoophiyaa waliin ta’uun misoomsan kun sirna yaa’insa odeeffannoo qabatamaa ammayyeessuun odeeffannoo sobaa qolachuun ijaarsa biyyaa keessatti gahe olaanaa kan taphatuu ta’uu Waliitti qabaan boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen ergaa dabarsaniin himaniiru.
Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen itti dabaluun addunyaa irrattis ta’ee akka biyyaatti, deeggarsa gahumsa namtolcheetiin odeeffannoo sobaafi haasaa jibbiinsaa guddachaa dhufe ittisuufi to’achuuf teeknoloojii dandeessisuudha jedhaniiru.
Daayirektarri Ol’aantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Aadde Hayimaanoot Zallaqaa gama isaaniitiin teeknoloojiin akka hojiirra oolu tahe kun nagaa biyyaalessaafis tahe tokkummaa uummataa cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsuun karaa sirna teeknoloojii ammaayyaa kanaan eeruu kennu wajjiin walqabatee hirmaannaa hawaasaa kan guddisuu ta’uu dubbataniru.

Daayirektarri Olaanaa Inistitiyuutii Hubannoo Nam-Tolchee Dooktar Injinar Warquu Gaachaanaa gama isaaniitin Sadarkaa idila addunyaatti guddachaa dhufuu teeknoloojii hubannoo nam-tolcheetiin dhaabbileen hundi tajaajila kennan kamiyyuu teeknoloojiin deeggaruu akka qaban himaniiru.

Teeknoloojiin sirna to’annoofi bulchiinsa miidiyaa qindaa’aa kun hojii hordoffiifi to’annoo miidiyaalee Itoophiyaa keessa socho’an gara sirna ammayyaafi walitti qindaa’aatti galchuun adeemsa dijitaalaayizeeshinii dhaabbilee Itoophiyaan hojiirra oolchaa jirtuu kan saffisiisuu tahuun himameera.
Gabaasni kan Kaasiyyee Maanguddaati