Seeraan-altummaa daldala boba’aarratti mul’aturratti tarkaanfii cimaan ni fudhatama- Obbo Jaanxiraar Abbaayi

You are currently viewing Seeraan-altummaa daldala boba’aarratti mul’aturratti tarkaanfii cimaan ni fudhatama- Obbo Jaanxiraar Abbaayi

AMN PLUS- Bitootessa 05/2018

Magaalaa Finfinnee keessatti gochaalee namtolcheen boba’aan bifa haqa-qabeessa ta’een tajaajila urra oolaa akka hin jirre Kantiibaa Itti Aanaafi Hoogganaan Biiroo Misooma Indaastirii M/Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay himan.

Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Annisaa waliin ta’uun buufataalee Kuusaa Boba’aa Magaalaa Finfinnee keessa jiran irratti rakkoolee mul’atan ka’umsa godhachuun gabaasa qorannoo damicha irratti amma dura gaggeesse irratti qooda fudhattoota waliin mari’ataa jira.

Waltajjii marii kana irratti kan argaman Kantiibaa Itti Aanaafi Hoogganaan Biiroo Misooma Indaastirii M/Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay amma booda qajeelfamni rakkooleen kuni waaraan furmaata akka argatu taasisan diriiruu himan.

Saganataa marii kana irratti Hooggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Adde Habiibaa Siraaj dhaabbilee boba’a tajajila kennaa jiranii fi shira hojjatan adda baasne jedhan.

Mariin kuni bakka abbootiin kuusaa boba’aa fi qaamolee dambii kabachiisan dabalatee qooda fudhattoonni hundi argamanitti gaggeeffamaa jira.

Misikkir Alamaayyootu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply