Labsii dhorkaa korojoo pilaastikaa ilaalchisuun baheef hawaasni tumsa cimaa taasisaa jira

You are currently viewing Labsii dhorkaa korojoo pilaastikaa ilaalchisuun baheef hawaasni tumsa cimaa taasisaa jira

AMN PLUS- Bitootessa 4/2018

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Danbii Magaalaa Finfinnee hojiirra oolmaa labsii qabiinsaafi dhabamsiisa balfa gogaa 1383/2017 irratti waltajjii hubannoo uumuu geggeesseera.

Waltajjicharratti kan argaman Hoji Gaggeessaan Abbaa Taayitichaa Kumalaa Zarihun Tafarraa hojiin magaalaa qulqulluufi jiraattotaaf mijattuu taate uumuu hirmaannaa hundaatiin mirkana’a jedhanii, hojiin hanga ammaatti hojjetames abdachiisaa ta’uu kaasan.

Labsiin dhorkaa korojoo pilaastikaa bahe tumsa hawaasaa cimaan hojiirra oolaa jiraachuu kan dubbatan Kumalaa Zarihun hanqinoota hubannoo labsichaan walqabatee jiran furuuf hojjetamaa jiraachuus dubbatan.

Magaalaa Finfinnee guddachaa jirtutti cabiinsa danbii garagaraa hordofuun tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf hidhannoo tekinoolojiin of cimsaa kan jiru abbaan taayitichaa, hojiin hubannoo uumuu baldhaas hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Waltajjicharratti waraqaan hojiiwwan dhabamsiisa balfaan walqabatee hojjetaman irratti xiyyeeffate dhiyaachuun mariin geggeeffameera.

Bulchaa Nagaraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply