Leenjiin Gahumsaa Hojjettootaaf Kennamu Yakkoota Raawwatamu Malan Dursan Ittisuu Keessatti Gahee Qabaachuun Ibsame

You are currently viewing Leenjiin Gahumsaa Hojjettootaaf Kennamu Yakkoota Raawwatamu Malan Dursan Ittisuu Keessatti Gahee Qabaachuun Ibsame

AMN PLUS – Bitootessa 16/2018

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Danbii Magaalaa Finfinnee dandeettiin yakkoota raawwatamuu malan dursan ittisuu hojjettoota isaa dabalaa jiraachuu ibseera.

Hooggantootni mana hojii Abbaa Taayitaa Kabachiisa Danbii magaalaa Finfinnee aanaa hanga magaalaatti jiran Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaatti leenjii guyyoota kudhaniif kennamu fudhachuu eegalaniiru.

Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Kumalaa Zarihuun Tafarraa sirna baniinsaa leenjicharratti argamuun haasawaa taasaniin kana duraa marsaa saddeetiin ofiisarotni abbaa taayitichaa kuma 8 ta’an Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaan leenjii kennameen hojii kabachiisa danbii magaalaa finfinnee milkeessuu keessatti gumaacha olaanaa bahuu yaadachiisaniiru.

Leenjiin amma hooggantootaaf kennamu kunis hojii kabachiisa danbiin akkaataa magaalaa Finfinnee madaalun beekumsaan hoogganuuf haalaan murteessaadha jedhaniiru.

Pirezidaantii Itti Aanaan Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaa Gargaaraa Komiishinaraa Darrajjee Asfaawu gama isaaniin yuunivarsiitichi nageenyarratti humna namaa beekumsaan ilaalchaafi naamusaan gahoomsuun hojii baay’ee hojjechuu himanii abbaa taayitaa kabachiisa danbii magaalaa Finfinnee waliin ta’uun nageenya waaraa magaalaa Finfinnee milkeessuuf hojjetaa turre ammas cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Gabaasni kan Zallaqaa Oljirraati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply