AMN PLUS – Bitootessa 15/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) jiraattotni Finfinnee bu’aa misooma koriidarii kan tahe waan kaleessa hin turin har’a naannawaa mana jireenya isaanitti argachuu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Finfinnee jiraattota ishee waliin guddattu uumuu keessatti piroojektootni ispoortii lakkoofsaan 1600 caalan guddattootaafi hawaasa fedhii ispoortii qabu maraaf akka tahutti hojjetamuu ibsaniiru.

Haalli mijataan akkasii kaleessa Finfinnee keessa hin turre jechuun kan ibsan Dooktar Abiyyi har’a garuu akkaataa sochii ispoortiif tahun piroojektoota hojjetamanitti dhimma bahuun jiraattotni Finfinnee yeroo sochii qaamaa taasisan, dargaggootni yeroo wal gurmeessan taphatan arguun aadeffatamaa dhufeera jedhaniiru.
Piroojektootni hojjetaman maqaa qofaa osoo hin taane qulqullina sadarkaa isaa eeggate qabaachuu isaaniif hawaasa itti fayyadamu caalaa namni ragaa bahu hin jiruu kan ibsan Ministirri Muummee, kunis carraa addaa misoomni koriidarii jiraattota Finfinneef fidee dhufe tahu hubachiisaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin