AMN PLUS – Bitootessa 20/2018
Ulaan boba’aan Addunyaa dhibbantaa 20 ol keessa darbu sababa waraana baha jiddu galeessaatti eegalameen cufamuun Dinagdee addunyaa dhibbantaa 3.2 guddataan eegamu gara dhibbantaa 1.89’tti gad buuseera jedhan hayyuun Saayinsii Dinagdee Mariid Tulluu turtii AMN PLUS waliin taasisaniin.
Waraanni baha jiddu galeessaatti Dinagdee addunyaa haalaan rukkutaa jiraachuu kan dubbatan Mariid Tulluu keessumaa dinagdee biyyoota Afrikaa haalaan miidhaa jiraachuu himaniiru.

Bahi Jiddu galeesaa bakka tarsiimaawaa Addunyaa ta’uu kan himan Mariid wal dorgommiin naannawa sanatti taasifamaa jiru dabalaa waan deemuuf biyyootni hirkattummaa anniisaa boba’aa biyyoota baha jiddu galeessaa dhiisuun filannoo biroo barbaaduu qabu.
Itoophiyaan michuu waggoota dheeraa biyyoota baha jiddu galeessaa tatus rakkoon mudate ishees waan gaheef, hojiilee anniisaa haaroman akka anniisaa aduu, humna qilleensaa, Elektrikaafi Ji’ootermaaliii xiyyeeffannoo kennuu hojjataa jirtu cimsuun hirkattummaa anniisaa boba’aa gadi buusuu qabdi jechuun hayyuun Saayinsii dinagdee Mariid Tulluu turtii AMN PLUS waliin taasisaniin himaniiru.
Namoomsaa Baalliitu gabaase