AMN PLUS – Ebla 13/2018
Itoophiyaan bara 2030’tti konkolaataawwan elektirikaa Kuma 500 ta’an qabaachuuf galmi qabattee hojjataa jirtu, gamanumaan milkiin eegalamuu isaa gabaasni DW suur-sagaleen Finfinneetti argamuun qopheesse ni agarsiisa.
Haaluma kanaan Finfinneen geejjiba magariisaan boqonnaa haaraatti; imala mijataan egereetti tarkaanfachaa jiraachuu gabaasni kun addeesseera.
Gabaasni DW miidiyaan beekamaa biyya Jarmanii konkolaataawwan elektirikaa magaalaa Finfinnee keessa daandiiwwan bal’ina qaban, koriidarii miidhagaafi magaalaa hawwattummaan hunda ofitti waamaa jirtu keessa yeroo imaltoota isaanii qabatanii asii fi achi deddeebi’an sirriitti mul’isa.

Awutoobusootni elektirikaa 100 ol ta’an jiraattotaafi keessummoota magaalaa Finfinnee daawwachuuf dhufan deddeebisan, kan miidhagina Finfinnee sirriitti ilaaluuf haala mijeessan fakkaatu.
Konkolaachistuun Awutoobusii Elektirikaa Shaashee Asmaara konkolaataawwan elektrikaa kunneen kan boba’aan hojjatan irraa adda ta’uu jechuun sagaleen isaanii kan jiraattotaafi imaltoota hin jeeqne ta’uu DW’tti himteetti.
Itoophiyaan bara darbe Madda Anniisaa Elektirikaa Afrikaa irraa guddinaan kan jalqabaa ta’e Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa humna Meeggaa Waattii 5,150 maddisiisuufi oomisha anniisaa dachaan dabalu ALA’tti bara 2025’tti hojiitti galchuu kan eeru gabaasni DW biyyattiin humna elektirikaa % 97 ta’u madda anniisaa qulqulluu irraa argamsiisaa jiraachuu ibseera.
Kunis damee geejjiba magariisaa Itoophiyaan hojiitti hiikaa jirtuuf galtee gaarii ta’uu ibseera.

Naannoo irratti qorannoo kan taasisan Injinar Mihiratuu Daannaatoo Itoophiyaan konkolaataawwan elektirikaa fayyadamuun jijjiirama qilleensaa sadarkaa addunyaatti yaaddoo olaanaa ta’e qolachuuf sosochiin eegalte milkaa’ina argamsiisaa jiraachuu gabaasa kana irratti dubbataniiru.
Finfinneetti konkolaataawwan elektirikaa waggaa darbe tajaajila kennuu eegalan guyyaatti imaltoota Kuma 90’f tajaajila kennaa jiran kunneen qilleensa kan hin faalle yoo ta’an, mallattoo tasgabbii magaalaa Afrikaa guddittii saffisaan guddachaa jirtuu ta’uu gabaasni DW kun ibseera.
Jiraattotni magaalattii konkolaataawwan kanneenitti fayyadaman mijaa’ina isaanii caalaa kan sagaleen isaanii nama hin jeeqnee fi naannoo hin faalle ta’uu irra darbee, agarsiistuu guddina Itoophiyaa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan waggaatti sharafa alaa Yuuroo Biliyoona Afur (4) ta’u bittaa boba’aaf kan baastu ta’uu gabaasni yaadachiisu kun Itoophiyaan dursitee sababaa waraana Baha Giddu Galeessaa keessatti deemaa jiruun rakkoo dhufu dursitee waan hubatte haala fakkaatuun ALA’tti Bara 2024 gara filmaata geejjiba magariisaatti kan fuulleffatte ta’uu hubachiisa.
Baay’inni konkolaataawwan elektirkaa yeroo ammaa biyyattii keessa jirus gara Kuma 120 gahuu kaasuun konkolaachistootni elektrikaas baasii isaanii qusachuuf isaan gargaaruu ibsuun buufataaleen chaarjessaa Finfinnee keessatti sa’aatii 24 hojjatan gara magaalota birootti akka babal’atu yaada qaban qoodaniiru.
Finfinneetti baasiiwwan giddu galeessaafi xixiqqqaa gara elektirikaatti jijjiiruun tajaajila si’ataa, saffisaafi faalama qilleensaa irraa bilisa ta’e kennuuf sochiin eegalame daran cimee itti fufuu DW gabaasa suur-sagaleen qindeesseen hordoftoota isaa biraan gaheera.
Malkaamuu Abbabaatiin