Kenniinsi tajaajilaa masoob socho’aa malaammaltummaa hambisuun itti quufiinsa maammilaa mirkaneessa – Pirofeesar Birhaanuu Naggaa

You are currently viewing Kenniinsi tajaajilaa masoob socho’aa malaammaltummaa hambisuun itti quufiinsa maammilaa mirkaneessa – Pirofeesar Birhaanuu Naggaa

‎AMN PLUS – Ebla 15/2018

‎Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa kenniinsi tajaajilaa masoob socho’aa malaammaltummaa kenna tajaajilaa manneen hojii mootummaa keessatti mul’atu hambisuuf gahee guddaa qaba jedhan.

‎Hawaasni Itoophiyaa rakkoo inni irratti waliif hingalle keessaa inni guddaan malaammaltummaa nuffisiisaa kenna tajaajilaa mootummaa keessatti mul’atu ta’uu himaniiru.

Kenni tajaajilaa yoo dijitaala hin taane, malaammaltummaa ittisuuf nama hidhuun qofa rakkoo kana furuun akka hin danda’amne, akkasumas hawaasichaaf furmaata waaraa ta’uu akka hin dandeenye ibsaniiru.

‎Jalqabbiin tajaajila masoob socho’aan rakkoolee kana furuu keessatti shoora guddaa qabaachuu kan danda’u ta’uu ibsanii, giddu-seentummaa hambisuun malaammaltummaa hir’isuuf abdii guddaan irraa kaa’ameera jedhaniiru.

‎Tajaajilichi yeroo namaa qusachuun aadaa kenna tajaajilaa mootummaa fooyyessuun matta’aa fi yaaddoo hawaasaa hir’isuun itti quufiinsa uummataa kan guddisuudha jedhaniiru.

‎‎Tajaajilli socho’aan kun yeroo gabaabaa keessatti namoonni hedduun saffisaan akka tajaajilaman kan taasisu ta’uu himanii, hojii kana babal’isuun bakka garaagaraatti akka kennamuuf hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply