AMN PLUS – Ebla 14/2018
Tajaajilli socho’aan Addis Masob ummanni gara iddoo tajaajilaatti deemuu qofa osoo hin taane, tajaajilli ofii isaatii gara ummataatti akka dhiyaatu carraa uuma jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Aadde Adaanech Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti har’a tajaajila mootummaa dijiitaalaa socho’aa “Addis Masob” gosa isaatiin adda fi jalqaba ta’e, kabajamoo Ministira Muummee keenya Abiyyi Ahimad (Dr.) tiin eebbisiisnee hojii eegalchiisneerra jedhaniiru.
Awutoobusichi tajaajila Addis Masob sadarkaa guutuun kan eegale yoo ta’u, ummanni keenya iddoo jiru ta’ee tajaajila akka argatu carraa uuma jedhaniiru.