Guyyaan qormaatni xumura kutaa 12ffaa bara 2018 itti kennamu ifoome

You are currently viewing Guyyaan qormaatni xumura kutaa 12ffaa bara 2018 itti kennamu ifoome

AMN PLUS – Ebla 17/2018

Qormaatni xumura kutaa 12ffaa kan bara kanaa Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 17/2018’tti akka kennamu Tajaajilli Qormaataafi Madaallii Barnootaa ifoomseera.

Sagantaa tajaajilichi ifoomseen qormaatni biyyaalessaa sagantaa Remediyaalii Caamsaa 17-20tti, qormaatni ba’iinsaa eebba duraa Waxabajjii 02-12’tti, akkasumas qormaatni xumuraa kutaa 12ffaa Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 17/2018 tti akka kennamu beeksiseera.

Qormaanni seensa sagantaa barnoota digirii 2ffaa fi isaa oliis Adoolessa 29 fi 30/2018 kan kennamu yoo ta’u, qormaanni madaallii dandeettii shallaggiifi dubbisa bu’uuraa Ebla 26 hanga Caamsaa 07/2018’tti akka kennamu beekameera.

Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Qormaataafi Madaallii Barnootaa Dooktar Isheetuu Kabbadaa ergaa dabarsaniin guyyoota eeramaniitti kanneen qormaatilee eeraman fudhatan qabiyyeefi xiinsammuun qophii barbaachiisu hunda taasisaa akka turan ibsuu odeeffannoon tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply