AMN PLUS- Ebla 17/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Wiirtuu Ispoortii, Barnootaa fi Leenjii Raas Haayiluu dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuu akka danda’utti haaromsuuniifi bu’uuraalee misoomaa dabalataa guutuun tajaajilaaf akka oolu taasisuu ibsan.
Wiirticha kanaan dura tajaajila eegalus rakkoo teeknikaa mudateen tajaajilli isaa addaan citee turuu yaadachiisan.
Rakkoon teeknikaa kun akka furamu xiyyeeffannoo addaa kennuun fi bu’uuraalee misoomaa sadarkaa idil-addunyaa guutan dabalataan akka hammataman gochuun tajaajila isaa irra deebiin akka eegalu taasisuu ibsaniiru.

Wiirtuun ispoortii ammayyaa kun kanneen armaan gadii of keessatti qaba:
Kuusaa bishaanii (swimming pools) sadarkaa Olompikii idil-addunyaa eeggate.
Jiddu-gala jimnaaziyeemii mara-dhaabaa (multi-purpose gym).
Iddoowwan dorgommii kubbaa kaachoo (basketball), kubbaa harka (handball), buunyaa fi maarshaa aartii.
Giddu-gala miidiyaa.
Dirree teenisii fi kubbaa miilaa.

Kaafteeriyaa, suuqota, bakka boqonnaa (park) fi bakka dhaabbii konkolaataa.
“Dhaloota qaamaa fi sammuun badhaadhe, biyya dhaalu ijaaruuf mul’ata qabnuun, magaalota keenya keessatti iddoowwan ispoortii fi giddu-gala ijaarsa dhalootaa babal’isuun, daa’immanii fi dargaggoonni leenjii fi shaakala akka argatan, ispoortiin kan gabbatan, fayyaan isaanii kan eegame fi dorgomaa akkasumas mo’ataa akka ta’an hojiiwwan dandeessisan cimsinee itti fufneerra” jedhaniiru.

Wiirtichi har’aa eegalee dorgommiiwwan idil-addunyaa, shaakalaa fi leenjii dabalatee guutummaatti tajaajila kennuu waan eegaleef: itti fayyadamaa, eegaa, kunuunsaa jedhaniiru.