AMN PLUS- Ebla 19/2018
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Pirezidaantii Moozaambiik Daani’eel Firaansiiskoo Chaapoo simataniiru.
Dooktar Abiyyi Ahimad Pirezidaanticha buufata Xiyyaaraa idil-addunyaa Booleetti argamuun simachuu Waajjirri Ministira Muummee ifoomseera.
Daawwannaan Pirezidaantichaa misooma waloo biyyoota lameenii fi hojiilee walitti hidhamiinsa uummataa karaa hiikkaa qabuun jijjiirama qabatamaa fidaniif dursa kan kenne ta’uus eereera.
Kutannoo cimaa Itoophiyaan michummaa dhugaa Afrikaaf qabdu kan mirkaneessu ta’uus Waajjirichi ibseera.