Umrii soorama baanetti dachee sammuu soortu, qalbii nama boojitu Finfinnee daawwannee, ittis bashannanne – Cimdiiwwan Kanaadaa

You are currently viewing Umrii soorama baanetti dachee sammuu soortu, qalbii nama boojitu Finfinnee daawwannee, ittis bashannanne – Cimdiiwwan Kanaadaa

AMN PLUS – Ebla 15/2018

Kiriisiifi Imiiliin cimdiiwwan lammummaan isaanii Kaanaadaadha.
Waggaa Lamaan kana wayita hojii isaanii irraa soorama bahan haala kamiin yeroo jireenyaa isaanii hafu gammachuufi haala namoota biroo gargaaruu danda’aniin akkaataa dabarsuuf mijatuf irratti mari’atan.

Kunis biyyoota addunyaa hunda irra naanna’uun waan dinqisiisaa argan hordoftoota miidiyaa hawaasaa isaaniif qooduu ture. Toorri Yuutuubii “Chris and Imilie’’ banatan hordoftoota hedduu horachuu danda’eera.

Daawwii Biyyoota addunyaa isaanii keessatti tibbana Finfinnee qalbii isaaniitti dhufteefi addunyaan hunduu faarsu irraa hafuu akka hin barbaadne dubbatti, Imiliin.

Daawwannaa ishee Paarkii Tokkummaa irraa eegalte. Barreeffama afaan Ingiliziin “E-IOPIA” jedhu kan qubeen tokko hafe, namni hunduu jidduu dhaabbachuun “T” itti dabaluun, “ETHIOPIA” taasisu guutuun eegalti. Harka ishee bal’istees miira gammachuun, “Baga nagaan gara Finfinnee, Ethiopia” dhuftan jechuun keessummoota biroos simatti.

Finfinneen magaalaa guddoo Itoophiyaafi Afrikaa jiraattota Miliyoona Jahaa ol qabdu ta’uu eeruun, akkasuma illee bakka teessoo Gamtaa Afriikaafi biyya Afriikaa tasumaa koloneeffatamtee hin beekne ta’uu ibisiti.

Misooma qarqara laggeenii hojjataman keessaa isa tokko bira dhaabbachuun dinqisiifatti, misoomni koriidarii daandiiwwan bal’ina qabaniifi namootni irra adeeman miidhagoo ta’an caalaatti hawwattumaa Finfinnee ol kaasanii mul’isuu dubbatti. Magaalaan Finfinnee magaalaa jaal’atan, mararsiifatanii fi ajaa’ibsiifatan ta’uu qalbiin dubbatti.

Imiiliin gara Godaambaa Biyyaalessaa Itoophiyaatti goruun Itoophiyaan bakka argama dhala namaa ta’uu eeruun Luusii/Dinqinash daawwachiisti. Yeroo isheen Luusiin as jirti jettee miira gammachuun ibsitu, Abbaan warraa ishee Kiriis ammoo haasaa ishee jidduu seenuun, Luusiin dhalli namaa erga lafa irra jiraachuu eegalee booda ol jedhee adeemuu isaa kan mirkaneessite akkasumas muka illee yaabbachuu kan hin dandeenye ta’uu ibsaa yeroo daawwatanitti kennameefi waa ishee barreeffamee kan arge irraa hubachuu dubbata.

Birrii 50 qofa kaffaluun Godaambaa kana keessatti hambaalee aadaa, seenaafi duudhaa akkasumas dhufaatii dhala namaa agarsiisan daawwachuu haati warraa isaa yoo ibsitu, Kiriis ammoo qarqara lagaa fi koriidarii akkas miidhagee hojjatame ilaaluu isaa dinqisiifachuun, “osoo gara Finfinnee hin dhufin dura wantoota ajaa’ibsiisoo akkanaa arga jedhee hin yaadne ture” jedhe.

Bakkeewwan bashanannaa fi ijaarsaaleen hojjataman Roomaa fi Giriik keessatti kan arganin wal itti fakkaachuu ibsu.

Duraan bakki itti nama saamaniifi xuraawaa turan miidhaganii hojjatamuun amma paarkii ta’uun bakka daawwataman, beelladootaa fi bineensotni garaagaraa itti argamaniifi miidhagoo ta’an ibsuun, misooma hojjatameen rakkoon saamichaaf saaxilamuu illee gara malee hir’isuu jiraattota irraa gaafachuun, Finfinneen nageenyaa fi tasgabbiin ishee mirkanaa’e tuuristootaafi keessummoota ishee haalaan keessummeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawwachuun Itoophiyaan weerartoota faashistii daangaa qaxxaamuranii dhufan tokkummaa fi wareegamaan dhaabbatanii birmadummaa isaanii eegsifachuu haalaan kaasuun, daandii Charchil irra imalanii miidhagina naannawichaa hordoftoota isaaniif qoodu.

Hara Nam-tolchee Magaalaa Finfinnee isa jalqabaatti goruun qilleensa gaarii, biqiltoota miidhagoo fi haala hawwataa harichaa fi naannawa isaa jiru sirriitti daawwachiisuun Finfinnnee dhufuu isaaniitti gammaduu irra deddeebi’uun kaasu.

Itoophiyaan ijaarsa gamoowwan gurguddoo adeemsisaa jiraachuu eeruun haalli teessuma ishee Meeksikoo waliin wal fakkaachuu muuxannoo isaanii irraa ibsuun, afaaniin dubbachuu irra taajjabaa irra deddeebi’anii dinqisiifatu.

Jiraattotni Finfinnee kan namatti dhiyaataniifi amala gaarii namatti agarsiisan, nagaa nama gaafatan jechuun aadaa keessummaa simachuu gaarii qabaachuu isaanii ibsu.

Mana nyaataa aadaa Itoophiyaatti goruun nyaata Itoophiyaanotni hedduun qooddatan soorachuun itti gammaduu fi mi’aawaa addaa qabaachuu akkasumas gatiin isaas rakasa ta’uu himaniiru.

Buna Itoophiyaa dhamdhama addaa qabuun bohaaraa aadaa dhiyaana bunaa biyyattiis dinqisiifataniiru.

Finfinnee, Itoophiyaa dhufuu isaaniitti hedduu gammaduu cimdiiwwan Kaanaadaa Yuutuubii isaanii irratti hordoftoota isaaniif qoodan kunneen Finfinnee hawaasa idil addunyaatti beeksisuun, viidiyoon isaaniis carraa namoota Kuma 67 caalaniin daawwatamuu argateera.

Finfinneen hawaasa idil addunyaan akkuma daawwatamteefi hawwattummaan ishee itti fufetti argamtu, caaalaatti hojjachuufi qalbii heddummootaa hawwachuuf cimtee hojjachaa jirti.

Kanaaf ammoo dhuga baatiin Cimdiiwwan Kaanaadaa kanaa fi taateewwan idil addunyaafi ardiif akkasumas daawwannaaf dhufanii heddummootni ragaa bahaniif agarsiistuudha.

Malkaamuu Abbabaatiin,

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply