Itoophiyaan birmadummaa odeeffannoofi fooyya’iinsa dinagdeetiin fuulduratti tarkaanfachaa jirti- Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

You are currently viewing Itoophiyaan birmadummaa odeeffannoofi fooyya’iinsa dinagdeetiin fuulduratti tarkaanfachaa jirti- Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

AMN PLUS-Ebla 15/2018

Birmadummaa odeeffannoo biyyatti mirkaneessuuf sagantaan misooma istaatistikSii waggaa sadii hojiirra kan oole, seenaa biyya kanaa keessatti yeroo jalqabaatiif dhaabbilee dinagdee miliyoona 2.6 ta’an lakkaa’amanifi waggoota 23 booda, teekinooloojii ammayyaan kan deeggarame oomisha qonnaa biyyatti lakkaa’uun akka danda’ame ibsameera.

Tarkaanfiin kun hirkattummaa odeeffannoo dhaabbilee alaa irraa biyyattii bilisa baasuun odeeffannoo amanamaa irratti hundaa’uun tilmaama dinagdee fi imaammata ofii ishee diriirsuuf dandeettii kan uume jijjiirama damee kanaaf bu’uura ijoo ta’uun akka tajaajilu eerameera.

Kunis qoodni gabaa indaastirii oomishaa %25 irraa gara %46tti akka olka’u, al-ergiin warqee akka dabalu fi tajaajilli neetworkii 4G fi 5G akka babal’atu taasisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsameera.

Misoomni korIidarii magaalaa fi baadiyyaatti hojjetamanis sochii daldalaa saffisiisuun dinagdee biyyattii haalaan akka si’eesse ibsameera.

Kanaan dura hojiitti hiikamee kan hin mul’anne misoomni magaalaa, yeroo ammaa bu’uuraalee misoomaa qulqullina qaban, geejjiba magariisaa, paarkiiwwani fi daandiiwwan deemsa miilaa of keessatti hammatee ijaaramaa jiraachuun qulqullina jireenya lammiilee fooyyessuun akka danda’ames ifoomeera.

Kunis misooma korIidarii baadiyyaa waliin walitti dabalamuun, lammiileen bakka jiranitti jireenya fooyya’aa akka jiraatanis jijjiirama qabatamaan kan mul’ise ta’uu ibsameera.

Ijaarsa dinagdee magariisaatiin sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun, bulchiinsa bishaanii ammayyeessuu fi qonna haala qilleensaa wajjin walsimu hojiirra oolchuun, Itoophiyaa cimtuufi dorgomtuu harka hin kenninee ijaaramaa akka jirtu kaafameera.

Akka biyyaatti dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf tarkaanfiiwwan imaammata faayinaansii mootummaa fi maallaqaa (monetary) fudhataman, baasii mootummaa hir’isuu fi hanqina baajataa xiqqeessuuf hojiiwwan hojjetaman, sirni deeggersaa bal’aan wantoota kanneen akka boba’aa, nyaata bu’uuraa fi xaa’oo irratti taasifaman akkasumas sadarkaan fooyya’iinsa dinagdee biyya keessaa fi kutannoon hojii pirojektoota guguddaa irratti mul’ate, dandeettii mootummaa hojii raawwachuu qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu eerameera.

Hanga fedheeyyuu haalli jijjiirama naannoo fi addunyaa dhiibbaa qabaatanillee, bu’aan mootummaa’n damee qonnaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuuf galmeesse, hojii bu’uura dinagdee dijitaalaa babal’isuuf hojjetamaa jiru fi milkaa’inni damee dipilomaasii keessatti argame, Itoophiyaan gara boqonnaa badhaadhinaa olaanaatti ce’aa jiraachuun dhugaa ifatti mul’atu akka ta’e ifoomeera.

Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply