Tajaajila Fayyaa Itoophiyaa Hundeerraa Jijjiiraa Kan Jiru: Hubannaa Nam-tolchee (AI)

You are currently viewing Tajaajila Fayyaa Itoophiyaa Hundeerraa Jijjiiraa Kan Jiru: Hubannaa Nam-tolchee (AI)

AMN PLUS – Ebla 15/2018

Yeroo ammaa Hubannoon Nam-tolchee (AI) addunyaa irratti tajaajila fayyaa hundee irraa jijjiiraa jira. Itoophiyaanis cehumsa teeknooloojii kana gara damee fayyaatti galchuun, qulqullina tajaajila yaalaa fooyyessuu fi dambalii isaa bal’isuuf carraaqqii guddaa gochaa jirti.

Keessattuu suuraalee yaalaa walxaxaa ta’an xiinxaluu, dhukkuboota dursanii adda baasuu fi qabiinsa ragaalee fayyaa ammayyeessuu irratti teeknooloojiin kun akka furmaata ijootti ilaalamaa jira.

Itoophiyaan yeroo ammaa teeknooloojii hubannaa Nam-tolchee damee fayyaa keessatti madaqsuu fi tajaajila saffisiisuuf tarkaanfiiwwan abdachiisoo hedduu fudhachaa jirti. Hojiiwwan Inistiitiyuutii Hubannaa Nam-tolchee Itoophiyaa fi Ministeera Fayyaatiin hojjetamaa jiran kanneen keessaa isaan ijoodha.

Hubannaa Nam-tolchee Itoophiyaa keessatti damee fayyaatiin bu’aa xiinxala suuraa yaalaa salphaatti fi yeroo gabaabaa keessatti adda baasuuf gumaacha guddaa gochaa jira.

Keessattuu suuraalee Raajii (X-ray) fi CT scan Hubannaa Nam-tolcheetiin dubbisuun dhukkuba ariitiin adda baasuun danda’amuun isaa, teeknooloojiin kun damee fayyaa keessatti gumaacha inni bahataa jiru agarsiisa.

Inistiitiyuutiin Artefishiyaal Intalijansii Itoophiyaas dhukkuba Sombaa (TB) fi Kaansarii Harmaa waliin walqabatan suuraalee Raajii xiinxaluun dhukkubicha adda baasuu kan danda’u sooftiweerii hubannaa Nam-tolchee misoomseera. Teeknooloojiin kun buufataalee fayyaa keessatti hanqina humna namaa jiruun qorannoon akka hin harkifanne gargaarsa guddaa gochaa jiraachuun ragaaleen ni agarsiisu.

Gama biraatiin, qabiinsa ragaa fayyaa fi dijitaalaayizeeshinii ilaalchisee, ragaa dhukkubsattootaa waraqaa irratti qabuu mannaa karaa dijitaalaa gurmeessuun xiinxalaaf qopheessuun hojjetamaa jira.

Kanas Ministeerri Fayyaa, Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo (INSA) fi Inistiitiyuutii Artefishiyaal Intalijansii Itoophiyaa waliin ta’uun Tarsiimoo Fayyaa Dijitaalaa hojiirra oolchaa jiru.

Kunis seenaa dhukkubsattootaa bu’uura godhachuun weeraroota gara fuulduraatti uumamuu danda’an dursanii tilmaamuuf bu’uura kaa’aa jira.

Dabalataan, qorannoowwan laaboraatoorii ammayyeessuu ilaalchisee, madda dhukkubaa maaykirooskoopiin mul’atan hubannaa Nam-tolcheetiin adda baasuun jalqabameera.

Fakkeenyaaf, dhukkuba Busaa adda baasuuf kan gargaaru teeknooloojiin hubannaa Nam-tolchee sadarkaa yaaliirra jira. Teeknooloojiin kun saamuda dhiigaa saffisa guddaan dubbisuun gosa fi baay’ina madda dhukkubichaa adda baasuu danda’a.

Yeroo weerara COVID-19 tti, hubannaan nam-tolchee hojii hordoffii fi hubannoo uumuu keessatti qooda guddaa qaba ture. Yeroo sanatti meeshaaleen deebii ergaa ofumaan kennan (automated messaging) waa’ee dhukkubichaa odeeffannoo kennuu fi mallattoolee adda baasuu irratti itti fayyadamni tureera.

Dabalataan, moodeloonni hubannaa nam-tolchee tatamsa’ina vaayirasichaa tilmaamuuf gargaaran hojiirra oolaniiru.

Walumaagalatti, Itoophiyaan hubannaa nam-tolchee (AI) damee fayyaa keessatti fayyadamuuf kutannoo qabdu agarsiisuuf Imaammata hubannaa nam-tolchee bocuun socho’aa jirti.

Kanaanis bu’aa qabatamaa argatteetti. Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) dursaa damee Artifishiyaal Intalajansii fi Fayyaa Diijitaalaa Afriikaa ta’uun Gamtaa Afrikaatiin filamaniru.

Muuxannoowwan Itoophiyaan damichaan horatte sadarkaa Afriikaatti babal’isuuf akka hojjetan Dr. Abiyyi mirkaneessaniiru.

“Hojiiwwan kalaqaa guddina Afrikaatiif yoomiyyuu bu’uura murteessaadha” jedhaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply