AMN PLUS- Ebla 15/2018
Gamtaan Afrikaa Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) dursaa (shaampiyoonii) damee Artifishiyaal Intalajansii fi Fayyaa Diijitaalaa Afriikaa gochuun muude.

Dooktar Abiyyi damee Artefishaal Intalijansiifi teeknooloojii dijitaalaa damee Fayyaatiin jijjiiramoota Itoophiyaa keessatti fidan bu’uureffachuun Gamtaan Afriikaa isaan filateera.
Xalayaa muudamaa keessatti akka ibsametti gumaachi hoggansa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) jijjiirama dijitaalaa fi teeknooloojii haaraa babal’isuuf taasisanin hubannoo nam-tolchee (AI) birmadummaa Afrikaa, bu’a qabeessummaa fi guddina hirmaachisaa Afriikaaf furtuu ijoo taasiisuu keessatti gumaacha guddaa akka bahatani ibsameera.
Sochii itti fufiinsa qabu kan bilisummaa teeknooloojii fi dandeettii ijaaruu irratti taasisanin, ardiin Afriikaa itti gaafatamummaa fi haqa irratti hundaa’uun itti fayyadama hubannoo nam-tolchee (AI) keessatti sadarkaa addunyaatti adda duree akka taatuuf gumaachi Dooktar Abiyyi olaanaa ta’uu eereera.
Hoggansa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) jalatti waggoota muraasa darban keessatti Itoophiyaan dameewwan dijitaalaayizeeshinii fi hubannoo nam-tolcheetiin (Artificial Intelligence) guddinni galmeessite raawwii olaanaa kan agarsiise ta’uu ibameera.
Bu’uuraalee misooma dijitaalaa babal’isuun, tajaajila mootummaa elektirooniksii (e-government) hojiirra oolchuun, sirna kalaqaa irratti invastimantii guddaa taasiisuun, instiitiyuutii hubannoo nam-tolchee hundeessuun akkasumas tarsiimoo mootummaa guutuun hubannoo nam-tolchee (AI) diriirsuun, jijjiirama kanaaf bu’uura cimaa kaa’uun hojiiwwan ijoo ta’an irratti xiyyeeffachuu isaanis ibameera.
Dabalataanis, yunivarsiitii of danda’aa hubannoo nam-tolchee irratti xiyyeeffatu hundeessuuf karoorri kan qophaa’e, qorannoo, misooma ogummaa fi tumsa ardii Afriikaa cimsuuf hawwii guddaa qabaachuun isaanis ifoomeera.
Muuxannoowwan Itoophiyaan damichaan horatte sadarkaa Afriikaatti babal’isuuf akka hojjetan Dr. Abiyyi mirkaneessaniiru.
“Hojiiwwan kalaqaa guddina Afrikaatiif yoomiyyuu bu’uura murteessaadha” jedhaniiru.
Damee fayyaa keessatti qormaatawwan jijjiiramoo mudatan mo’achuuf, dandeettii Artifishiyaal Intalajansii fi teeknooloojiiwwan diijitaalaa fayyadamuun sirna fayyaa Afriikaa cimsuun dirqama ta’uullee eeraniiru.