Ce’umsi Indaastirii Itoophiyaa birmadummaa biyyaalessaa mirkaneessuuf murteessaadha – TKM

‎AMN PLUS- Ebla 20/2018

Ce’umsi Indaastirii Itoophiyaa fedhii guddina diinagdee lakkoofsaan ibsuu caalaa birmadummaa biyyaalessaa waaraa mirkaneessuuf bu’uura murteessa ta’uu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

‎Mootummaan damee oomishaa wiirtuu birmadummaa taasisuun bocuun fedhiiwwan bu’uuraa humna ofiin uwwisuuf diinagdee tarsiimawaa dhiibbaafi hirkattummaa alaa irraa bilisa ta’e ijaaruuf murannoo olaanaan hojjetaa jiraachuu ibseera.

‎Ce’umsi caasaa kun hudhaalee jiran gara injifannoo tarsiimawaatti jijjiiruun ol ka’iinsa birmadummaa Itoophiyaa qabatamaan mirkaneessaa jiras jedheera.

‎Ce’umsi eegalame gara boqonnaa abbummaa teeknooloojiitti ce’aa kan jiru yoo ta’u, kunis murannoo cimaa mootummaan damee oomishaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf qabu kan mul’isu ta’uu kaaseera.

‎Warshaaleen oomishaa Seelii Soolaarii Hawaasaa, Dabrebirhaaniifi Finfinneetti hojiitti galan waggaan sharafa alaa Doolaara Biliyoona 1 ol argamsiisuun Itiyoophiyaan damichaan bu’aa gaarii galmeessaa jiraachuu qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa odeeffannoo baaseen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply