Misoomni koriidarii balaa tiraafikaan lubbuu garmalee badu hir’iseera – Aadde Adaanech Abeebee

AMN PLUS-Ebla 21/ 2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee misoomni koriidarii magaalattii qorannoon dabaalamee hojjetamuun daandiiwwan Finfinnee balaa tiraafikaa hir’isuu keessatti qooda qabaachuu ibsaniiru.

Kantibaa Adaanech dhimma kana xiyyeeffannoon kan kaasan qorannoo raawwii karoora hojii baatiiwwan 9 bara baajataa 2018 irratti yoo tahuu daandiiwwan Finfinnee konkaalaattootaafi imaltoota miilaa giddu galeessa taasifachuun itti yaadamanii ijaaramuun lubbuu balaa tiraafikaan garmalee baduu hir’isuun danda’amuu hubachiisaniiru.

Finfinneen daandiiwwan sadarkaa idil addunyaa qaban guuttachuu kan kaasan Kantiibaa Adaanech har’a magaalattiin daandiiwwan mijatoo qabaachuun gamatti bakkeewwan dhaabbii konkolaataa altokkotti konkolaattoota Kuma 163 caalan keessummeessuuf humna qaban qabaachuu danda’us ibsaniiru.

Dabalataan Aadde Adaanech Finfinnee bu’uuraalee misoomaa simboo miidhaginaa gonfachiisan keessaa ibsaawwan keeessa keessaafi daandiiwwan cinaa tahuu hubachiisuun daandiiwwan duraan dhiphina qaban bal’atanii akka haaraatti akka ijaaraman taasifamuun milkaa’inoota mootummaa jijjiiramaan dhandhamaman tahuus kaasaniiru.

Daandiiwwan yeroo ijaaraman kan konkolaattootaafi imaltoota miilaa adda baafamuun hojjetamuun balaa tiraafikaa magaalatti keessatti mudachaa turan haalan hir’isullee ibsuun kana biratti bakkeewwan daandiiwwan cinaatti kaleessa dahoo yakkamtootaa turan ibsaa argachuun jiraattotnis tahe keessummootni gara Finfinnee dhufan sodaafi yaaddoo tokko malee ofirraa bu’anii akka imalan carraa guddaa uumuus Kantiibaa Adaanech Abeebee gabaasa dhiyeessan keessatti xiyyeeffannoon kaasaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply