Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waggoota saddeettan darban xiyyaarota haaraa 74 galchuun, 117 ammoo ajajeera

You are currently viewing Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waggoota saddeettan darban xiyyaarota haaraa 74 galchuun, 117 ammoo ajajeera

AMN PLUS – Ebla 22/2018

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa imala waggaa 80 keessatti gufuuwwan jiran gara carraatti jijjiiruun mallattoo ardii Afrikaa ta’uu isaa itti fufee akka jiru Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw ibsan.

Hundeeffama waggaa 80ffaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa sababeeffachuun, waltajjiin muuxannoo maamiltootaa fi michootaa gaggeeffamaa jira.

Waltajjii kanarratti Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee, Ministira Karooraa fi Misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa, Bulchaa Baankii Biyoolessaa Dr. Iyyoob Takkaaliny fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Yeroo kanatti Obbo Masfin Xaasaw akka ibsanitti; Daandiin Qilleensichaa waggoota saddeettan darban keessatti imala guddinaa fi milkaa’inaa taasiseen sadarkaa har’a irra jiru kanaa ga’eera.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa tajaajila balalii addunyaa Kaayiroo irraa tokko jedhee jalqabe, amma gara iddoolee 145tti bal’isuu isaa dubbataniiru. Kanaanis xiyyaarota ammayyaa 147 qabaachuun, waggaatti imaltoota miliyoona 20 ol keessummeessuu danda’uun dandeettii amansiisaa ijaaruu isaa ibsaniiru.

Daandiin Qilleensichaa tajaajila maamiltootaa gaarii kennuudhaan beekamtii fi badhaasa addunyaa argachuu isaa fi guutuu Afrikaatiif fakkeenya kan ta’u buufata xiyyaaraa guddaa ijaaraa akka jiru dabalanii ibsaniiru.

Waggoota 80n darban keessatti baroota rakkisoo hedduu milkaa’inaan darbuun, Itoophiyaan bakka gahumsa tuuristii fi wiirtuu dhaabbilee addunyaa akka taatu gochuun mallattoo ardii ta’uu isaa itti fufee jira jedhan.

Waggoota saddeettan darban qofatti xiyyaarota haaraa 74 kan galche yoo ta’u, xiyyaarota 117 ammoo ajajeera. Kanaanis baay’ina imaltootaa dachaan dabaluun, galii waggaa dhibbeentaa 120, akkasumas bu’aa isaa dachaa sadiin guddisuu isaa ENA’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply