AMN PLUS – Caamsaa 17/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti kan hojjetame misooma qarqara lagaa fi paarkii tajaajilaaf banaa taasisuu ibsan.
Misoomni qarqara lagaafi paarkichi lafa hektaara 18 irratti kan misoome tahuu ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Paarkiin tajaajila hawaasaaf banaa tahee kun daandii imala miilaa, biskileetii,riqichaalee, bakka oolmaa ispoortii 6, bakka tapha daa’immanii 7, misooma magariisaa, biqiltuuwwan kuduraalee, kaafteeriyaa 6, tiyaatira amfii 3 fi tajaajila biroo kan kennan bu’uuraalee misoomaa kan guuttate tahuu ibsaniiru.
Aadde Adaanech misoomichi hunda haammataafi kutaalee hawaasaa hunda akka fedhii isaaniitti kan tajaajilu akkasumas karoora gara fuulduraa guddina magaalaaf qabamellee kan agarsiisuudha jedhaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa isaaniin hoggantootnifi jiraattotni Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa akka qaama tokkotti socho’uun hojii boonsaa hojjettaniif galatoomaa jedhaniiru.