AMN PLUS – Caamsaa 26/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee piroojektiin qarqara lagaa Inxooxxoo hanga Qacanee/Doobbii misoomuun tajaajilaaf banaa tahe kennaa uumamaa,qabeenyuma dilbii duraan qabduutti harka urgeessuun sona itti daballee misoomsinee jedhan.
Pirojektichi yaadama shaggariin misoomsuu jedhu yeroo jalqaba gara aangootti dhufan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) maddisiisan tahuun hojiitti hiikamuu kan ibsan Aadde Adaanech bakkeen amma misoomuun akkasitti miidhage kun sirna darbee keessa waan waa’ee hin baasne fakkaatee gatamee akka ture yaadachiisaniiru.

Lafti kaleessa baargamoon irra dhaabatu har’a misoomee akka hawaasaaf mijatutti tajaajila garaagaraaf tolfame kan jedhan Aadde Adaanech waanuma waaqayyoo ganama nuuf kenneetti waan dabalamuu qabu dabaluun misoome malee waan addaa hin qabu jechuun ibsaniiru.
Piroojektiin qarqara lagaa Inxooxxoo hanga Qacanee/Doobbii misoomee boqonnaa haaraa iddoo bashannanaa, hawwata turizimii,qalbii sammuu sooruu tahee Finfinneef dabalamuu ibsuun hojjennaan milkaa’uun ni danda’ama uumaanis nu gargaaree bifa miidhagaan tajaajilaaf dhaqqabsiisneerraan Kantiibaa Adaanech kaasaniiru.

Misoomni qarqara lagaa bu’aa guddaa qabaachuu biyyoota garaagaraa kanneen akka Azarbaajaan, Faransaay akkasumas Kooriyaa Kibbaarraa muxannoo fudhachuun akka danda’amu kan ibsan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee pirojektii kana fakkaatuu Inxooxxoo hanga Qacanee mootummaan misoomseera, kunuunsuun itti fayyadamuun ammoo dirqama jiraattota naannawaa pirojektichaafi kanneen fageenyaas dhiyeenyaas garas imaluun itti bashannanii tahuu hubachiisaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin