AMN PLUS- Waxabajjii 02/2018
Filannoo kana Lakkoofsota qofa ilaaluun gahaa dha jechuun regal xiinxalli Sudans Post. Guutuu biyyattiitti filattoota galmaa’an miiliyoona 54 ol fi buufataalee filannoo kuma 52 ol. Garuu bal’inni ykn baay’inni qofti filannoo tokko hirmaachisaa hin taasisu; dhaqqabamummaatu taasisa jechuun itti fufa.
Itoophiyaa keessatti, yaad-rimeen hirmaachisummaa yaada hojii malee taa’anii eeggatan osoo hin taane, sochii ho’aa, qajeeltoo sirriitti karoorfamee fi onnee guutuun hojiirra oolfame ta’uu eere.
Filannoowwan yeroo baay’ee bu’aa xumuraatiin madaalamu. Garuu qorumsi inni guddaan dursee jalqaba jedha.
Filannoo dursee gaaffii waakkannaa garagaraa namoonni hin galmaa’an, galmaa’anis hin filatan, komiiwwan isaaniis hin dhaga’amu gaaffilee jedha irratti shakkii toora qabsiisuun gareewwan muraasni gufachiisuuf yaaluu kan eegalan dursaniiti.
Hunda ol immoo, adeemsa dimookiraasii keessatti hirmaachisuummaa mirkaneessuun gaaffii ijoodha kan jedhu barruun kun, walqixxummaa koorniyaa, hirmaachisummaa qaama miidhamtoota, ykn haala kamiyyuu osoo hin daangeffamin, lammiin hundi carraa egeree isaa itti bocu qabaachuu isaa mirkaneessuudhaan. Gama kanaan Filannoon Waliigalaa Itoophiyaa 7ffaan dinqisiifannaa maluuf argachuu qaba jedheera.
Carraaqqichi ifa fi salphaa ture: namoonni mirga filachuu yoo qabaatan, dhaabbileen mirga sana dhaqqabamaa gochuuf itti gaafatamummaa qabu. Gama kanaan, lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi miseensonni raayyaa ittisaa akka waan dhimma dabalataatti hin ilaalamne jechuun ibse.

Boordiin Filannoo Biyoolessaa Itoophiyaa tarkaanfiiwwan addaa ta’an fudhachuudhaan, buufataalee buqqaatotaafi buufata loltootaa keessatti hundeesseera; kunis lammiilee haala miidhamoo keessa jiran ykn biyya tajaajilaa jiran mirga isaanii bu’uuraa, mirga filachuu, akka fayyadaman taasiseera.
Tarkaanfiin dursanii yaaduu kun hirmaattota qaama miidhamtoota ta’aniifis kan dabalatu yoo ta’u, isaaniif dhaqqabamummaa fi deeggarsi fooyya’aan qaama adeemsichaa isa bu’uuraa ture jedha Sudans Post.
Qajeeltoon hirmaachisuummaa kanaan dubartoonni miiliyoona 23 ol ta’an filataniiru. Qonnaan bultoonni, hojjettoonni mootummaa, barattoonni, abbootiin qabeenyaa, loltoonni, fi ogeessotni magaalaa hunduu hirmaataniiru. Dimshashummaan filattootaa bifa guutuu biyyattii fakkaata ture jedheera.
Caamsaa 24, 2018 ganamarraa jalqabee guutuu guyyaa hamma halkan walakkaatti, wanti addatti mul’ate eenyu akka filate qofa osoo hin taane, namoonni baay’een filachuuf hammam akka murteeffatan ture.
Hiriirri dheeraan sa’aatiiwwan baay’eedhaaf diriiree ture. Bakka tokko tokkotti, filattoonni hamma halkaniitti buufataalee filannoo keessa turan. Boordiin Filannoos yeroon cufuu mannaa, sa’aatii filannoo dheeressuudhaan warra hiriira irra jiran akka filatan taasise jedhe.
Adeemsi wal fakkaataan erga filannoon xumuramees mul’ateera. Bu’aan filannichaa adeemsa oditiinii fi mirkaneessaa keessa darbeera jedha Sudans Post. Komiiwwan sarara seeraatiin qoratamuu ibse.

Filannoon komii irraa bilisa ta’e hin jiru, garuu wal-dhabdee qabaachuu fi sirna ittiin wal-dhabdee sana hiikan dhabuu gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Gatiin dhaabbilee caalaatti kan mul’atu yeroo isaan qoratamani dha. Boordiin Filannoo Biyyaalessaas kana mirkaneesseera jedhe.
Gama biraan garuu Miidiyaalee hawaasummaa irratti odeeffannoo sobaa, tilmaamota adda addaa, fi jeeqamsa warreen farrisan mul’achuu hin oolle. Tilmaamni xiinxaltoota alaa tokko tokkoo kan dinqisiisu fi nama koflsiisu dha; isaan fageenya maayilii irraa dogoggora hunda kan adda baasan ta’us, garuu miiliyoonota filattoota Itoophiyaa, qaama miidhamtoota dabalatee, kanneen carraa gara fuulduraa isaanii bocuuf bahan ni dagatu, gurra duudaas itti ta’u jedhe.

Itoophiyaanonni, akkuma yeroo maraa, furmaanni gaariin yoomiyyuu keessootii burqa jedhanii amanu kan jedhe Sudans Post, guyyaa filannichaa, miiliyoonni lammiilee Itoophiyaa wanta filattoonni gochuu qaban raawwatan: buufataalee filannootti argaman, eeggatan, filatan, achiis nagaadhaan gara mana isaaniitti deebi’an jedhee ibse.
Itoophiyaafi ummanni ishee ammas deebisanii addunyaa dinqisiisaniiru; alagaaf tilmaamuuf ykn to’achuuf dhimma hin danda’amne fi iccitii boonsaa ta’uu isaanii irra deebiin mirkaneessaniiru jedhe.
Dhugaa kana dhiisanii bira darbuun ulfaataa ture. Taajjabdootni Gamtaa Afrikaa fi IGAD adeemsa sana guutuu hordofaniiru. Gamtaa Awurooppaa fi biyyoota miseensotaa wajjin ta’uudhaan, dinqisiifataniiru.

Komishiniin Mirgoota Namummaa Itoophiyaas haaluma wal fakkaatuun adeemsicha tasgabbaa’aa fi nagaa jedhee ibseera.
Kun hojii dimookiraasii dhugoomsu dha jechuun, Filannoon kunis daangaa Itoophiyaatiin alatti xiyyeeffannoo kan argateef kanaafi jedhe.
Ardii yeroo baay’ee hanqina dimookiraasiitiin hamatamuuf, seenaa adda ta’e agarsiiseera: hirmaannaa bal’isuun danda’amaa akka ta’e, dhaabbileen fooyya’uu akka danda’an, fi yeroo lammiilee baay’een keessatti hirmaatan dimookiraasiin caalaatti akka cimu agarsiiseera jechuun Sudan Post Filannoo Biyaalessaa Itoophiyaa 7ffaa dinqisiifateera.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e